header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Kuweet labsii yeroo dhiifamaa batii 2 itti dabale.

Kuweet lammiileen biyya alaa hayyama jireenyaa hin qabne akka biyya isiitii bahan yeroo kennamee turee ji’a lamaan kan dheerate tahuu beeksifte.

Mootummaan Kuweet lammiileen biyya alaa hayyama jireenyaa hinqabne hanga February 23/2018 biyyattii akka lakkisanii bahaniif murteessuu isii gabaasuun keenna ni yaadatama. Mineesteerri biyya keessaa Kuweet ibsa guyyaa hardhaa baaseen yeroon kennamee ture Ji’a lamaan kandheerate tahuu beeksise.

Haaluma kanaan Lammiileen biyya alaa Waraqaa hayyama jireenyaa hinqabne, yookan ammoo kanneen waraqa hayyama jireenyaa isaanii hin haaromsatin hanga April24/2018 biyyattii lakkisanii akka bahaniif mootummaan biyyattii akeekkachiise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button