header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Miseensonni Koree hidhaarraa hiikaman, lammiilee naannoo Somaaleerraa buqqifaman Ziyaaran

Koreen Furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa dhiheenya hidhaa irraa bahan lammiilee Oromoo naannoo Soomalee irraa buqa’uun kolleejjii Rift valley kan magaalaa Finfinneetti argamutti qubsiifaman Ziyaaran.

 

Namoonni Ziyaaraa kana irratti argaman Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Ustaaz Ahmad Musxafaa, Ustaaz Muhammad Abaata, obboleessa keenya Khaliid Ibraahim akkasumas Sheikh Amiin Ibroo, Ustaaz Rayyaa Abbaa Maccaa fi namoonni birootis kan ziyaaraa kanarratti hirmaatan tahuun beekameera.

 

Koreewwan kanan dura hidhaa irraa bahaniis lammiilee keenya kan Kolleejjii Riftvaalii qubsiifaman deeggarsa adda addaa qabatuun kan Ziyaaranii turan tahuun ni yaadatama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button