header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi magaalaa Amboo Komaand postiin magaalaa akka hin seenne dhoorge

Guyyaa labsiin yeroo muddamaa labsame irraa kaase komaand postiin magaalaa Amboo seenuuf yaalii kan godhaa ture yoo tahu, kantiibaan magaalaa fi Waajjiraaleen magaalaa bakka isaan qubatan dhoorkachuun ofirraa kan deebisan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

Hoggantoonni Komaand postii Irra deddebi’uun gaafatanis magaalaan keenya nagaadha, yoo rakkoon jiraates hidhattonni keenya ni jiru ammaaf isaan gahaa wan tahaniif yoo humna keenyaa ol tahe nuuf dhuftu jechuun kan ofirraa deebisan tahuun beekameera.

 

Amma bakka qubatan waan dhabaniif gara Warshaa Homachoo kan magaalaan alaatti argamutti deemanii kan qubatan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button