header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Karoora Ameerikaan Imbaasii isii Teelaviiv irraa gara ALQUDSItti jijjiiruuf baafte Bulchiinsi Falasxiin balaaleffate

Ameerikaan Imbasii isii Teelaviiv irraa gara ALQUDSItti Ji’a Caamsaa dhufuu keessaa jijjiiruuf karoora baasuu isii hordofuun, bulchiinsi Falasxiin cimsee kan balaaleffatu tahuu beeksise. Bulchiinsi Falasxiin ibsa Sabtii har’aa baaseen “Adeemsi Ameerikaa kun kallattiidhaan itti yaadamee eenyummaa fi mirga jiraachuu ummata Falasxiin kan cabse” jechuun ibse.

 

Mootummaan Ameerikaa Jum’aa  kaleessaa akka ibsetti, Imbaasiin Ameerikaa May14/2018 Teelaviiv irraa gara Alquds/Jarusalem ni geeddarama. Kun ammoo May 14/1948 guyyaa  Isra’eel humnaan bu’uureffamtee fi guyyaa Ameerikaan biyyattiidhaaf beekkamtii kennite ayyaana waggaa 70ffa sababeeffachuun akka tahe beeksifte.

Mootummaan Bulchiinsa Falasxiin akka jedhetti , Ameerikaan guyyaa kana kan filatteef miira ummata Falasxiinii fi Araba guutuu midhuuf itti yaaddeetti.  Dubbi himaa prezdaant Mahmuud Abbaas kan tahe Nabil Abu Rudeynah “murtiin akkanaa kun Isra’eeliin ija addunyaa duratti seera qabeettii hin godhu. Naannicha keessattis nagayaa buusuuf hin gargaaru, walumaa galatti adeemsa fudhatama hinqabne”jechuun balaaleffate.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button