Ameerikaan buufataalee waraanaa 20 ol Suuriyaa naannoo finciltoonni Kurdistaan too’atan keessatti akka dhaabdee fi Finciltoota kurdiitiif meeshaalee waraanaa hammayyaawaa ta’an kan dhiheessaa jirtu tahuu qondaalli waraana Raashiyaa hime.
Related Posts
Ejensiin Odeeyfannoo Raashiyaa RIA jedhamu Aleksaandar Venediktov miseensa mana maree nageenya Raashiyaa waabefachuun akka gabaasetti, Ameerikaan yeroo dhihoo asitti garee mootummaa Bashar Al-Asad waliin wal lolaa jiru kan Syrian Democratic Forces jedhamu fi garee finciltoota Kurdi YPG jedhamuuf hidhannoo fi leenjii kennaafi jirti.