header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Doonald Traamp biyyoota Labsii magaalaa Al-QUDS irratti inni baase morman irraa deeggarsa ni dhaaba jechuun sodaachise


Prezdaantiin Ameerikaa Doonald Traamp magaalaa Al-QUDSI magaalaa guddoo Isra’eel jechuun beekkumtii kennuun ni yaadatama. kanuma hordofuun labsii isaa kana biyyoonni Addunyaa balaleefataniiru. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniitis labsii isaa kana balaleeffatuun guyyaa boruu labsii isaa kana kuffisuuf kora Ariifachiisaa kan waame yoo tahu, biyyoota labsii isaa kana mormuun sagalee dhoorkatan irraa Ameerikaan gargaarsa irraa ni kutti jechuun kan sodaachise tahuu ibsi white house irraa Arba’aa hardhaa bahe ni addeessa.
Traamp ibsa isaa kana irratti ” Biyyoota sagalee Ameerikaa mormuun sagalee kennatan ni ilaala” jechuun kan dhaadate tahuu Rooytersi gabaaseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button