AfrikaaOdeeyfannoo
Ertiraan dargaggoota sirna awwaalcha Haaji Muusaa Muhammad irratti hirmaatan heddu hiite
Mootummaan Ertiraa dargaggoota sirna awwaalcha Haaji Muusaa Muhammad Nuur irratti hirmaatan heddu kan hiite tahuu BBC’n gabaase.
Haaji Muusaan hooggaanaa mana barnoota Islaamaa Diya’a jedhamuu kan turan yoo tahu, qajeelfama mootummaa didan jechuun mootummaan Ertiraatiin qabamanii mana hidhaa keessatti aakhiramuu isaanii gabaasuun keenna niyaadatama.
Maatiin dargaggootaa BBCf akka himanitti ijoollee qabaman keessaa kanneen umriin isaanii 13 qofa tahan kan keessatti argaman akka tahee fi maatiin ijoollee isaanii gaafachuu waan dhoorkamaniif yaadda’u isaanii himan.