header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mootummaan Keeniyaatiifi paartiin mormituu walii galuu ibsan.

Pirezedentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa guyyaa dheengaddaa dursaa garee paartii mormituu  Keeniyaa Raayilaa Odiingaa waliin masaraa mootummaa  ‘Haraambee Haawus’tti mari’ate.

Hoggantoonni siyaasaa lameen Ibsa marii isaanii booda gaazexeessitootaaf kennaniin, Hoggantoonni lamaan wantoota Keeniyaa miidhaa jiran kanneen akka  dhimma tasgabbiin dhabamuu, wal dhabbiin saboota adda adda jidduu jiru babal’achuu, malaammaltummaa fi haqni dhabamuu irratti walii galuun sagantaa qindoominaa baafachuu ibsan.Mootummaan biyya bulchaa jiru kan prezdaant Uhuruu Keeniyaataatiin durfamu, Sagantaan qindoominaa hooggantoonni lamaan baasan dhiheenyatti kan ibsamu tahuu beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button