header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hoggantoonni ol’aanoon naannoo Oromiyaa heddu mana hidhaatti darbamaa jiru

Mootummaan biyyattii labsii yeroo muddamaa eegaa labseen booda qondaaltota naannoo Oromiyaa aantummaa ummataa mul’isaa turan hidhaa jira. Qondaaltota kanneen keessaa tokko Ajajaa poolisii kora biittinneessaa Oromiyaa kan tahe Iyyyaasuu Angaasuu, torbaan dabre ummata naannoo Soomalee irraa buqqa’e ilaaluuf gara Hammarreessaa yeroo imaletti makkalaakayaan qabamee magaalaa Harar keessatti hidhame. Yeroo amma Komaandar Iyyaasuun gara Finfinnee mana hidhaa Ma’ikalaawii keessatti kan dabarfame tahuu odeeyfannoon argame ni ibsa. Komaandar Iyyaasuu Angaasuu weerara liyyuu poolisiin naannoo Somaalee kallattii hedduun ummata Oromoo irratti bante, poolisii Oromiyaa fi ummata qindeessuun nama qolataa ture tahuun isaa ni beekama.

Haaluma walfaakkaatuun bulchitoota Godinaa, Magaalotaa fi Aanaalee heddu kanneen yeroo gara garaa aantumma ummataa mul’isan hidhamaniiru. Kanaan dura Godinoota Shawaa Lixaa fi Wallagaa keessatti qondaaltonni heeddu kan hidhaman tahuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Halkaan edaatis Godina Harargee Lixaatti Kantiibaan Magaalaa Ciroo obbo Xaahaa Waaqoo waraana Makkalaakayaatiin butamee achi buuteen isa kan hin beekkamin tahuu gabaasni argame ni ibsa.

Guyyaa kaleessaa dubbi himaan Biiroo Haqaa Oromiyaa obbo Taayyee danda’aa waraana Makkalaakayaatiin eega ukkaamfameen booda, yeroo ammaa Ma’ikalaawitti kan hidhame tahuu haati warraa isaa BBC’f himte.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button