header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ajjeechaan Waraanni Liyyuu Poolisii Soomalee daangaa Oromiyaa ceehuun raawwatu itti fufee jira.

Godina Baalee aanaa Sawweenaa Ganda Burqaa Dhaareetti jimaata March 16/2018, waraanni liyyuu poolisii naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa cehuun, ummata nagayaa irratti haleellaa kan raawwate tahuu odeeyfannoon argame ni mul’isa.

Haleellaa waraanni Liyyuu Poolisii naannoo Soomalee ummata irratti raawwate kananiis namoonni 5 ajjeefamuu fi namoonni lama madaayuun beekameera. Namoota ajjeefaman jidduu sadi ijoollee umrii 10 gadii kan haadha takkaa yoo tahan, isaan lama immoo manguddoo umrii 80 oli akka tahan maddeen gabaasaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button