header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Aalimni beekkamaan Sheikh Dr, Ahmad Al-Ammaari mana hidhaa Sa’uudii keessatti kan du’e tahuu gabaafame

INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEEYHI RAAJI’UUN!

Doktor Ahmad Al-Ammaari Yunivarsiitii Madinaa keessaatti hogganaa Kollejjii Qur’aanaa kan ture yoo tahu, Ulamaa’ota August dabre mootummaa biyyattiitiin hidhaman jidduu tokko akka tahe gabaafame. Gareen hidhamtoota Sa’uudiitiif falmu gama Twitter isaatiin akka ibsetti, qondaaltonni Sa’uudii Sheikh Ahmad eega mana hidhaa keessatti dhukkubsateen booda yaala akka hin argane dhoorkan jechuun yakke.
Sirni awwaalcha Sheik Ahmad Al-Ammaari har’a galgala magaalaa Makkah keessatti kan raawwatamu tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

#Sauudii #SheikhAhmad_Alammaari

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button