header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Aalimni Guddaan Biyya keenyaa Dr Jaabir Abdallaah gara Biyyaatti galuuf kan qophaayaa jiran tahuun beekame

Dr Jaabir Abdallaah (Liwa’uul Islaam)  Cunqursaa fi roorroo mootummaan biyya keessatti amantaa fi saba keenya irratti raawwataa  tureen biyya isaanii irra buqqifamuun waggoota dheeraaf biyya ambaa jiraataa turan. Jijjiirama yeroo ammaa biyyattii keessatti muldhataa jiru hordofuun yeroo dhiyotti gara biyyaa  galuuf qophii irra kan jiran tahuun beekameera.

 

Dr Jaabir Abdallaah eega biyya irraa bahanillee beekumsaa fi humna isaaniitiin hawaasa keenya tajaajilaa turan. Waggoota hedduuf ummata keenya guutuu addunyaa keessa jiraatu kallaattiidhaanii fi Karaa miidiyaalee hawaasaatiin beekumsa isaaniitiin kan tajaajilaa jiran tahuun beekamaadha. Yeroo ammaa kans sagantaa Fataawaa Nuuralhudaa kan midiyaa keenya irratti dhiyaatu irratti gaafilee Islaamummaan walqabate dhihaataniif deebisaa kennuun ummata isaanii tajaajilaa jiru.

 

Akkasumas qabsoo hawaasni muslimaa karaa nagayaatiin biyyatti keessatti geggeessaa ture, midiyaalee bebeekamoo akka Al Jaziiraaa fi midiyaalee afaan Arabaa heddu irratti dhihaatuun addunyaa beeksisaa turuun isaanii ni yaadatama.

 

Haaluma walfakkaatuun Aalimni guddaan biyya keenyaa Sheikh Sa’id Ahmad Musxafaa torbee darbe keessa  gara biyyaa galuuf qophii irra jiraatuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.Fedhii Rabbiitiin Aalimoonni lamaanuu Alhada dhufu Finfinnee akka seenanii fi hawaasni muslimaa bal’aan  Simannaa ho’a ni godhaaf jedhame eegama

 

Ulamaa’ota keenya Rabbiin nagayaan gara ummata akkaan isaan jaallatuu fi biyya isaaniitti haa gahuu jenna.

Aalima Guddaa biyya keenyaa Sheik Sa'id

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button