header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Aanaa Daawwaa Caffaatti Makkalaakayaa fi ummata jiddutti walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namaa darbe

Walitti bu’iinsi kun godina Walloo aanaa Daawwaa Caffaa iddoo Waladee jedhamutti kan muudate yoo tahu, waraanni Makkalaakayaa ummata irratti dhukaasuun lubbuu nama lamaa galaafatu fi namoonni heddu ammoo miidhamuu Odeeffannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.

 

Sabaabni walitti bu’iinsa kanaa lafa margaa horsiisee bulaan naannichaa itti fayyadamaa ture, maqaa Investmentiin mootummaan namoota dhuunfaatiif kennuu ummanni mormuu irraa kan kahe tahuus jiraataan naannichaa nuuf hime.

 

Akka jiraatan kun jedheetti

“lafti kun kanaan duras abbaa Qabeenyaa Muhammad Alamuddii kennamee ture, haa ta’u malee yeroo sanittis mormii guddaa ka’een ummanni kan deeffate yoo tahu, ammas abbaa qabeenyaa birootiif kenname.  Kanuma hordofuun Jimaata kaleessaa mormiin jalqabame, jiraattonni godinichaa iddoo adda addaa irraa ummataa birmatuu kan deeman tahuu fi guyyaa har’aa immoo jiraataan aanaa Arxummaa Fursee magaalaa Ciraa irraa birmannaaf garasitti imale kan maqaan isaa Aliyyii Sheikh Usmaan jedhamuu fi namni bira tokkos ni ajjeefaman”jechuun nuuf hime.

 

Yeroo ammaa kanatti naannichi tasgabbaayaa kan jiru tahuun beekameera.

Makkalaakayaa Daawwaa Caffaatti

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button