header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Aanaa Dirree ganda Magaadootti namoonni hedduun dhibee daddarbaa ‘Kaalaazar’ jedhamun qabaman

Dhibeen kun dhibee Tisiisa biyyoo(sand fly) jedhamtuun namarraa namatti kan daddarbu yoo ta’u, yeroo dhiyoo as godina Booranaa aanaa Dirree ganda Magaadoo keessatti saffisaan babaldhachaa jiraachuu odeeyfannoon ni addeessa.

Odeeyfannoon jiraattoota naannawa sunii irraa nu gahe akka mul’isutti
“dhibee akkasii kanaan dura kan arganii hin beekneefi namoonni hedduun dhibee kanaaf saaxilamanii gara Hospitaala Yaaballootti geeffamanii wal’aanamaa jiran.

Namoota wal’aanamaa jiran kana jidduu namoonni umriin isaanii 40 ol tahaniifi da’imman umriin isaanii 3 gadi heddumminaan dhibee kanaaf kan saaxilaman tahuu, Akkasumas dhibeen kun naannichaatti saffisaan babaldhachaa waan jiruuf mootummaan xiyyeeffannaa akka godhu qabu jiraattoonni naannichaa gaafatan.

Itti aanaan hogganaa biiroo eeggumsa fayyaa Oromiyaa Dr. Abdulqaadir Galgaloo dhibeen kun dhibeewwan ‘Tiroopikaalaa halaan xiyyeeffannaa barbaadan jidduu tokko’ jedhe. Dhibeen kun akka naannoo Oromiyaatti baroota dabran godina Booranaa dabalatee godinaalee Oromiyaa 9 keessatti kan muldhatee tureefi namoonni 117 tahan tajaajila yaalaa argatanii kan fayyan tahuus ibse.

Itti dabaluunis Dr. Abdulqaadir “yeroo dhiyoo as godina Booranaa ganda Magaddootti namoonni hedduun dhukkuba kanaan qabaman wal’aansa argatanii fayyuu fi namoonni 40 oli immoo ammallee hospitala Yaaballootti wal’aanamaa jirani. Biiroon fayyaa Oromiyaa Ispeeshaalistii erguun Sumudaa(sample) lafee keessaa waraabuun Hospitaala Adaamaa fi Finfinneetti qoratamaa jira” jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button