header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSeenaa

Aangoo fi Qabeenya

Aangoofi qabeenya Rabbiin nama barbaadeef kenna. Nama barbaade ammoo ni dhoowwata. Madaallii ilma namaatiin olitti kun waan Rabbiin beekkumsaafi dandeytii isaatiin oofu. Asiin dura Rabbiin aangoo nama jaalatu ergamaa isaa Suleymaan ilma Daawuud iif kannee ture. Akksuma ammoo nama jibbu Numrud ilma Kuush harka aangoo kaayee ture. Qabeenyaas nama jaalatu Abdurahmaan ilma Owf iif kannee ture. Nama jibbu ammoo mata-jabeessa Qaaruun iif kannee ture. Abbaa barbaade harka kaayee, abbaa barbaade harkaa ammoo mulqa. Shuumaafi shaaraan isa! Aangoofi qabeenya nuti dhamaanuuf kanatti Rabbiin hin haajamu. Isa biratti humaa ulfinaafi sadarkaa hin qabdu. Osoo ulfinaafi sadarkaa qabaattee, Rabbiin warra isatti mormuuf hin laatu. Akkuma garru kana gaafa garii Rabbiin nama jaalatu dhoowwatee, nama jibbuuf ammoo laata. Iccitii waan kana keessa jirtu isuma qofaatu beeka. Haqaarriin waan kanaa tokkuma! Sunis ittiin nu qormaatuufi. Tasa fidee nu harka buusee waan nuti baanu eega. Aangoofi qabeenyi yoo kan gama Rabbi nama dhiheysu tahe milkiidha. Gaafas qormaata dabruu keenya. Yoo ammoo kan Rabbi irraa nama fageysu tahe balaadha. Qormaata kufuun asitti. Rabbiin mata-jabeeyyii qananii aangoofi qabeenyi qabuun dageeti, qaba-qabeefii kolaasa.

Yaa Rabbi warra aangoofi qabeenyaan dagamee si-irraa fagaatu nu hin taasisin.

NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa

8 Comments

  1. as wr wb akkaam
    Warren masjida kenna guban kun gara seeratti maalif hin dhiyanne?

    mootummaan jara kanarratti tarkanfii maalif fudhatuun itti ulfaate?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button