header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Abbaan Alangaa Federaalaa himannaa Miidiyaalee fi namoota lamaa addaan kute

Abbaan Alangaa Federaalaa himannaa, miidiyaalee teessoo isaanii biyya alaa tahe OMN fi ESAT akkasumas himannaa obbo Jawaar Muhammadii fi Dr Birhaanuu Naggaa irratti bane akka addaan citu gaafateera.

Abbaan Alangaa Federaalaatti daayrektarri hordoffii yakkoota daangaan alaa obbo Birhaanuu Wandimmaagany FBC akka himetti, himannaan labsii lakkoofsa 943/08 keeyyata 6, buufata xiqqaa 3/a dhan akka adda citu murtaa’era.

Abbaan Alangaa Federaalaa himannaan dhaabbiilee lamaanii fi nammoota lamaanii akka addaan citu xalayaa Mana Murtii Federaalaa Olaanaa dhaddacha 19ffaaf kan barreesse yoo ta’u, manni murtichaatis  gaaffii kana fudhateera.

Himannaan miidiyaalee lamaanii, kan obbo Jawaarii fi Dr Birhaanuu galmee Dr Mararaa jalatti banameen shororkeessummaan himatamanii  ilaalamaa kan ture tahuun ni yaadatama.

Birhanu nega

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button