header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Abbaan Alangaa Federaalaa Hoggantoonni fi Miseensonni Tika nageenyaa duraanii, namoota shakkaman irratti gocha hamaa raawwataa turuu ibse

Abbaan Alangaa Federaalaa obbo Birhanuu Tsaggaayee ibsa guyyaa hardha midiyaaleef kenne irratti, qorannoo ji’oota shaniif geggeeffameen booda, hoggantooni fi Miseensonni tika nageenyaa fi basaasa biyyaatti duraanii, namoota yakkaan shakkamanii qabaman irratti gocha gara jabeenyaa raawwataa turuu fi akkasumas magaalaa Finfinnee qofa keessatti manneen hidhaa dhoksaa torba argamuu ibse.

Obbo Birhaanuun ibsa isaa kana irratti, namoota Shakkamanii too’annaa jala olfaman irratti hoggantoonni fi miseensonni dhaabbatichaa kun yakka hin raawwatiin dirqiin akka amanan godhuun, namoonni ajjeefamanii fi achibuteen isaanii dhabame jiraatuus ibse.

Gochoota gara jabeenyaa shakkamtoota irratti raawwataman jedhaman jidduu, Qaama isaanii Elektirkiin hadoochuu, huccuu malee raasaa keessa bulchuu fi gocha garajabeenyaa hedduun raawwatamaa turuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button