header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Abbaan Alangaa Mootummaa Suudaan Prezdaantii duraanii irratti himannaa haaraya banuuf qophaayaa jiraachuu beeksise

Waajjirri Abbaa Alangaa biyyattii ibsa Alhada har’aa baaseen akka jedhetti, himannaa yakkaa kanaan dura prezdaantii duraanii Umar Hasan Al-Bashiir irratti banameen alattis, qorannoo biraatiin Al-Bashiir yakka malaamaltumaa, maallaqa seeraan ala daddabarsuu fi gareewwan shororkeessitootaa maallaqaan deeggaraa turuun isaa mirkanaayee jira jedhe. Yakka malaamaltummaa Prezdaantichi ittiin shakkame jidduu, gurgurtaa dhaabbilee Telekominikeeshiinii mootummaa Mobitel fi MTN jedhaman waliin kan wal qabatu tahuus ibsame. Haaluma kanaan Abbaan Alangaa Umar Al-Bashiir irratti himannaa haaraya banuuf qophii irra jiraachuu ibse.

Prezdaant Umar Al-Bashir waraana byyattiitiin April dabre angoo irraa eega fonqolchamee booda himannaa kanaan dura irratti banameen, December dabre hidhaan waggaa lamaa kan irratti murtaahe tahuun ni yaadatama.
Gama birootiin ammoo yakka waraanaa Lixa biyyattii kutaa Daarfur keessatti yeroo bulchiinsa isaa raawwatameen wal qabatee, Manni Murtii Yakka Idil Addunyaa (ICC)’n yeroo dheeraaf Prezdaant Hasan Al-Bashiir qabuuf kan yaalaa ture yoo tahu, mootummaan biyyattii torbee dabre Prezdaanticha dabarsee kennuuf mana murtichaa waliin walii galtee irra gahuu beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button