header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Abbaan alangaa namootan magaalaa Finfinnee keessatti haleellaa boombii raawwachuun shakkaman irratti  himannaa banuuf akka tahe ibse

Waxabajjii 16/2010 hiriira deeggarsaa muummicha ministeeraa magaalaa Finfinnee keessatti gaggeeffame irratti haleellaa boombii raawwatameen namoonni lama du’uun 150 ol ammoo madaayuun isaanii ni yaadatama. Haleellaa kanaan walqabatee poolisiin qorannoo geggeessaa ture xumuruun galmee shakkamtootaa 5 Abbaa alangaatiif dabarsee jira.

 

Shakkamtoonni galmeen qorannaa isaanii abbaa alangaatiif kenname shanan:

  1. Abdiisaa Qananii
  2. Dassaalany Tasfaayee
  3. Geetuu Girmaa
  4. Hiywat Gadaa fi
  5. Baahruu Tolaati.

 

Himatamaa 1ffaa yakka haleellaa boombii sana keessatti hirmaataniiru jedhamanii namoota shakkaman yeroo isaan mana yaalaatti wal’aanamaa turanitti miliqsuuf osoo yaaluu kan qabame. Himatamaa 3ffaan, Geetuu Girmaa, yakka kanaaf haala mijeessaa akka turee fi kanaan dura yakka biraatiin shakkamee waggaa lamaaf hidhamuun dhiifamaan gadhiifamee kan ture tahuun beekameera. Himatamtuun 4ffaa, Hiywat Gadaa, nama sammuun dhukkubu fakkaattee kan hirmaatte yoo tahu, yeroo ammatis dhimmi fayyaa isii Hospitaala Amaanu’eelitti qoratamaa jira. Abbaan Alangaa qorannoo poolisii kan fudhate yoo tahu. himannaa qindeessee dhaddachaaaf dhiyeessuuf guyyaa 15 gaafatee hayyamameefii jira.

 

Itti gaafatamaa qajeelcha Dhimma Nageenya Biyyoolessaa obbo Tasfaayee Urgee dabalatee galmeen qorannaa shakkamtoota 3 Arba’aa itti aanu dhaddachaaf kan dhiyaatu tahuun beekameera. Haaluma walfakkaatuun  itti aanaa Komishinara Komishinii Poolisii Finfinnee Girmaa Kaasaa dabalatee dhimmi miseensota poolisii federaalaa 9, kanneen haleellaa kanaan walqabatee too’annaa jala jiran  har’a waaree booda kan ilaalame yoo tahu, beellamni guyyoota 10 itti kennamee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button