header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Abdulaziiz Ahmad Riyaaditti Ambaasaadara Itoophiyaa tahuun Muudame

Mootummaan Ityoophiyaa Sa’udii irraa dippiloomaatota lama gara biyyaa kan yaame tahuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Ministeerri haajaa alaa ibsa guyyaa har’aa baaseen Imbaasii Riyaad akka hoogganuuf Ambaasaadar Abdulaziiz Ahmad Kuweeyt irraa gara Riyaaditti kan jijjiirame tahuu beeksise.
Ambaasadar Amiin Abdulqaadir ammo Riyaad irraa gara Aljeeriyaatti kan jijjiirame yoo tahu, Ambaasaadar Wubshet Damissee ammoo gara wajjira muummeetti kan deebi’e tahuun mirkanaayee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button