header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Addi Bilisummaa Ummata Tigraay, Sochii ADWUI walitti makuun Paartii tokko hundeessuuf godhamaa jiru Balaleeffate

Korri Koree jidduu galeessa Adda bilisuummaa ummata Tigraay(TPLF) kan yeroo amma naannoo Tigraay bulchaa jiru torban tokkof geggeeffamaa ture guyyaa kaleessa kan goolabame yoo tahu, TPLF ibsa baaseen Paartii isaanii guddicha yeroo ammaa biyyaatti bulchuu jiru, Adda Dimookraatawa Waraaqsa Ummata Itoophiyaa (ADWUI) waliitti makuun paartii tokko hundeessuuf sochiin godhamaa jiraatu ibsuun, sochii kana kan balaleefatu tahuu beeksise.

TPLF ibsa isaa kana irratti, paartiin haaraatti uumamuuf sochiin godhamu jiru kun, bifa qofaan osoo hin taane qabiyyeen isaatiis kan sagantaa ADWUI duraan qabu irraa adda ta’e tahuu ibsuun, Addichi sochii godhamu jiru kana goonkumaa kan hin fudhanne tahuu ibse.

Addi Bilisummaa ummata Tigraay (TPLF) paartilee Afran ADWUI jidduu tokko yoo tahu, waggoota 27 dabran olaantumaan biyyaatti bulchaa kan ture tahuun beekkamadha.

Haluuma walfakkaatuun korri Koree jidduu galeessa Paartii naannoo Oromiyaa bulchaa jiru ODP fi paartii naannoo Sabaa fi sablammoota ummata Kibbaa bulchuu jiruu arraa geggeeffamu jalqabe jira.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button