header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaaOdeeyfannoo

Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii Koroonaatiin qabamanii miiliyoona 1 darbuu gabaafame

Dhaabbatni To’annoo Dhukkubaa Afrikaa (CDC) jedhamu akka gabaasetti, Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamanii miilyoona tokko darbee jira. Dhaabbatichi akka jedhutti, namoota Ardii Afrikaa keessatti vaayirasichaan qabaman jidduu walakkaa ol Afrikaa Kibbaa keessatti argaman.

Dabalataanis guutuu Afrikaa keessatti lakoofsi namoota sababa vaayirasii kanaatiin lubbuu dhabanii 21,000 akka dabreefi, namoonni 670,000 tahan ammoo dhibee kana irraa fayyuu gabaafame. Hogganaan CDC Afrikaa Joon Nikengasoong BBC’f akka himetti, Afrikaa keessatti namoota vaayirasichaan qabaman keessaa 70% dandamatanii jiru. Haata’u malee biyyoota heddu keessatti ammas sadarkaan qorannaa gaggeessuu gad aanaa tahuufi, haaluma kanaan lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii kan gaabaafame irra guddaa ta’uu akka malu ibsi kun ni addeessa.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO akka jedhutti ammoo, yeroo ammaa guutuu addunyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miiliyoona 19.3 dabree jira. Namootni 720,217 ammoo sababa vaayirasii kanaatiin du’uu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button