header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ajjeechaa Isra’eel Gaazaa keessatti raawwatte biyyoonni addunyaa heddu balaaleffataa jiru

Ameerikaan guyyaa kaleessaa Imbaasii isii Telaviiv irraa gara Al-Qudsittii kan jijjiirte yoo tahu, waraanni  Isra’eel ammoo Gaazaa keessatti  Falasxiinota  mormii dhageessisaa turan irratti dhukaasuun  namoota 60 ol ajjeessuun 2500 ol ammoo madeesse. Shahiidota Falasxiin keessaa tokko Fadih Abu Salah yoo tahu, Fahdiin kanaan dura haleellaa boombii Isra’eel Gaazaa keessatti raawwatteen miila isaa lamaanuu dhabe. Gochi Ameerikaa fi Isra’eel kan biyyoonni addunyaa heddu kan balaaleefataa jiran yoo tahu, magaalota heddu keessatti hiriirri mormii geggeeffamaa oole.

Gamtaan Arabaa miseensa biyyoota 22 hammate, murtii Ameerikaatii  akkanumas  ajjeechaa fi Weerara Isra’eel biyyoonni addunyaa guutuun akka balaaleffataniif waamicha dabarse. Gamtichi  gochi Ameerikaa fi Isra’eel kun “haleellaa miira Arabaa fi Muslimoota addunyaa irratti raawwatame”jechuun ibse. Bulchiinsi Falasxiin Gamtaan biyyoota Arabaa Roobii boruu walgahii ariifachiisaa akka yaamu gaafate.

Hoogganaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutaareez, Isra’eel ajjeechaa Gaazaa keessatti raawwataa jirtu hatattamaan akka dhaabdu gaafate. Mr Gutarez murtii Ameerikaa ilaalchisee yaada kenneen “akka waliigaltee UN tti Isra’eelii fi Falasxiin biyyoota of-danda’an lama tahanii itti fufuun alatti nagaya buusuudhaaf furmaanni biro hin jiru”jedhe.

Turkiyaa  Ambaasaaddaroota Isii Isra’eelii fi Ameerikaa irraa kan yaamte yoo tahu, Prezdant Rajab Xayyib Erdogaa, “Mootummaan Shororkeessaa Isra’eel Gaazaa keessatti duguuggaa Sanyii raawwate”jechuun ibse. Guyyaa hardhaa lammiileen Turkiyaa Ankaara keessatti  ajjeechaa Israa’eel raawwatte balaaleffatuun hiriira mormii kan gaggeessan yoo tahu, mootummaan Turkiyaa ammo ajjeechaa kana ilaalchisee guutuu biyyattii keessatti gadda guyyaa sadihii labse. Turkiyaan gamtaa biyyoota Muslimaa walgahii ariifachiisaa yaamuuf kan qophaayaa jirtu tahuus beeksiftee jirti.

Lammiileen Afrikaa kibbaatis gocha Ameerikaa fi ajjeechaa Isra’eel raawwatte balaaleffatuun hiriira mormii geggeessan. Mootummaan Afrikaa Kibbaatis ajjechaa Gaazaa keessatti  raawwatame mormuun Ambaasaddara isaa Isra’eel irraa yaamee jira.

Kuweeyt gama isiitiin walgahiin ariifachiisaan akka yaamamu UN, gaafatte.Prezdaantiin Lubnaan Sa’aad Hariirii gama Isaatiin gochi Ameerikaa fi Isra’eel Araaba, Muslimootaa fi Kiristaanota kan dallansiisu”jedhe.

Ministeerri haajaa alaa Paakistaan ibsa baaseen mootummaa fi Ummanni biyyattii Falasxiinota waliin kan dhaabbatu tahuu ibsuun, biyyoonni addunyaa mootummaa Falasxiin kan magaalaan guddoon isaa Al-Qudsi taheef beekkamtii guutuu akka kennan gaafate.

Hangaarii, Roomaniyaa fi Cheek Ripablikiin alatti biyyoonni miseensa gamtaa Awurooppaa  25 gocha Ameerikaa fi Isra’eel balaaleffatanii jiru.

Isra’eel ayyaanaa waggaa torbaatamaaf dachii Falasxiinotaa humnaan qabattee fi Imbaasii  Ameerikaan Alqudsi keessatti bante irratti akka argamaniif Dippiloomaatota biyyoota 86 biyya isii keessa jiran kan affeerte too tahu, Itiyoophiyaa dabalatee dippiloomaatonni biyyoota 33 qofti kan hirmaatan tahuu beeksifte.

Falasxiinonni gama isaaniitiin guyyaa Yahuudonni waggaa 70 dura dachii Falasxiin weeraruun qe’ee isaanii irraa buqqifaman kan “NAQBA”ykn Guyyaa Gaga’ama jechuun mormii fi gaddaan yaadatu.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button