header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Alii Abdallaah Saalih ajjeeffame


Prezdaantiin Yaman kan duraanii Ali Abdallaah Salah, haleellaa gareen Huusii mana jireenyaa isaa magaalaa Sana’aa keessatti argamu  irratti raawwateen kan ajjeefamee tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.


Ali Abdallah Saalih guyyoota lama dura gamtaan waraana biyyoota Arabaa Sa’udiin durfamu haleellaa yookan dhaabu tahe, loltoonni isaa garee Huusii yaman keessaa kan ari’an tahuu eega beeksise booda, waraanni hamaan magaalaa Sana’aa keessatti geggeefamaa jira.

Loltoonni Ali Abdallah Saalihtiin hoogganamu, kanaan dura garee Huusii waliin gamtaa uumuun mootummaa biyyattiitiin kan lolaa ture yoo tahu, dhiheenya kana ammoo waldhabbiin garee kanneen lamaan jiddutti uumame hammaachaa dhufuun, gara wal waraanutti kan cehan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button