header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ambaasaaddar Saahilawarq Zawudee prezdaantii Rippaablikii Ityoophiyaa ta’uun muudamte

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Manni Maree Federeeshinii walga’ii 2ffaa har’a gaggeessaniin, Ambaasaaddar Saahilawarq Zawudee preezdaantii rippaablika Ityoophiyaa godhuun muudan.

 

Ambaasaaddar Saahilawarq Zawdee Ambaasaaddarummaan biyyoota Afrikaa afaan Faransaay dubbatan; Senegaal, Maalii, Keep Vardee, Giinii Bisaa’oo, Gaambiyaa, Giinii, Jibuutii fi Faransaayitti ramadamtee tajaajiltee jirti.

 

Ambaasaaddar Saahilewarq bara 2011 kaasee hanga Waxabajjii 2018tti daayrektara waliigalaa waajjira Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Naayroobii ta’uun hojjechaa turte.

Waxabajjii bara 2018 irraa jalqabee ammoo Gamtaa Afrikaatti bakka buutuu addaa barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaatti itti gaafatamtuu Waajjira Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uun muudamtee hojjetaa akka turte gabaasni arganne ni ibsa.

Ambasador Sahila Worq1

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button