header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Ameerikaa fi Xaalibaan marii araaraa marsaa saddeetaffaa Dohaa keessatti jalqaban

Lola Afagaanistaan keessatti waggoota 18 dabran Xaalibaan fi Ameerikaa jiddutti geggeeffamaa jiru dhaabuuf, mariin nageenyaa Qaxar keessatti ji’a kudhan dura jalqabame hanga ammaatti hin goolabamne. Haaluma kanaan mariin marsaa saddeettaffaa Sabtii kaleessaa magaalaa Doohaa keessatti kan jalqabame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Afgaanistaanitti bakka bu’aan addaa mootummaa Ameerikaa Zalmay Khalilzaad gara Islaamaabaad imaluun, muummicha ministeeraa Paakistaan Imraan Khan waliin eega mari’atee booda Jum’aa dheengaddaa Doohaa seene.  Mr Zalmay Khalilzaad marii ammaa kana ilaalchisee gama Twitter isaatiin yaada kenneen, “Kaayyoon marii Dohaa keessatti geggeessinuu walii galtee nageenyaa gama hunda fayyaduu dandahu irra gahuudha, hoggantoonni Xaalibaanis ejjannoo wal fakkaatu kan qaban tahuu hubannee jirra”Jechuun ibse.

 

Dubbi himaan garee Xaalibaan waajjira Dohaatti argamuu Suheel Shahiin ammoo “mariin ammaa kun yoo kan milkaahu tahe, humnoonni biyya alaa hundi yeroo gabaabaa keessatti Afgaanistaan keessaa ni bahan”jechuun Twitter irratti barreesse. Dabalataanis qondaaltonni Xaalibaan AFP’f akka himanitti, marii marsaa kanaa booda bakka bu’aan mootummaa Ameerikaa Zalmay Khalilzaad, hogganaa damee siyaasaa Xaalibaan Mulaah Bardaar waliin kallattiidhaan wal arganii akka mari’atan haalli ni mijaawa jedhan.

 

 

Mootummaan Afgaanistaan gama isaatiin mariin Ameerikaa fi Xaalibaan jiddutti geggeeffamaa jiru kun, mootummaa biyyattii bulchaa jiru hirmaachisuu qaba jedha. Gareen xaalibaan ammoo, mariin kallattiidhaan gantoota humnoota alaatiin deeggaramuun taayitaa qabatan waliin geggeessinu tokkollee hin jiru, jechuun beeksise.

Ameerikaan gama isiitiin, Xaalibaan waliin walii galtee mallatteessuun duratti, mootummaan Afgaanistaanii fi gareen Xaalibaanis kallattiidhaan marii jalqabuun murteessaadha, yaada jedhu kan deeggartu tahuu gabaafame.

Talibaan fi us.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button