Categories: Odeeyfannoo USA

Ameerikaan biyyoonni sulula laga Abbaay haala itti fayyadama lagichaa haqa qabeessa tahe mirkaneessuuf marii geggeessan kan deeggartu tahuu beeksiste

Ameerikaan marii Ityoophiyaa, Suudaan fi Masri haala ijaarsa hidha laga Abbaay  irratti geggeessaa jiran ilaalchistee ibsa kan baste yoo tahu, biyyoonni sulula laga kanaa keessa jiran hundi karaa haqa qabeessa taheen, walii galtee itti fayyadama isaanii mirkaneessu irra akka gahan kan deeggartu ta’u beeksiiste.

Waayit Haawus Jum’aa kaleessaa ibsa gabaabaa baaseen ”biyyoonni Laga Abbaay hundi qabeenya kana misoomsuu fi ittin badhaadhuuf mirga qabu; Mootummaan  Ameerikaa biyyoonni hundinuu mirga kana  irratti hundaayuun, waliigaltee itti fayyadama bishaanii haqa qabeessa ta’ee fi fedhii irratti hundaa’e irra akka gahaniif waamicha ni taasisa,” jedha.

Ameerikaan Ibsa kana yeroo kanatti maliif akka baaaste kan hin ibsin yoo tahu,  marii dhiheenyatti qondaaltonni biyyoota  sadeenii Kaartuum keessatti taa’uuf jiran waliinis wal qabachuu fi dhiisuu isaas wanti beekame hin jiru.

Haata’u malee Prezdaantiin Masrii Abdulfattaah Al Siisii torbee darbe Kora Waliigalaa UN irratti haasaya godheen” Ityoophiyaan hidha Laga Abbaay iirratti ijaaraa jirtuun wal qabatee walii galteen haqa qabeessi akka hin raawwatamne danqaa tahuu ibsuun, kun ammoo naannichi tasgabbii akka hin qabaanne gochuu danda’a”  jechuun yakkuun isaa ni yaadatama.

Leave a Comment

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan “Jawaar Muhammad fi warri isa waliin ture hoggantoota mootummaa ajjeesuuf yaada qaban” jechuun yakke

Poolisiin Federaalaa ibsa galgala har’aa baaseen, Awwaalcha Artist Haacaaluu Hundeessaan wal qabatee yaalii ajjeechaa hoggantoota…

2 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mormii Godinaalee Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee namoonni 50 ol ajjeefamuu gabaafame

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun magaalota Oromiyaa heddu keessatti mormiin ka’e har’as kan…

2 days ago
  • Breaking
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Itoophiyaa Obbo Jawaar Muhammad dabalatee namoonni 35 to’atamuu ibse

Komishiniin poolisii Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa ibsa waloon miidiyaa biyya keessaatiifi kennaniin, Obbo Jawaar Muhammad…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Adaamaatti  Namoonni 5 ajjeefamuu gabaafame

Ajjeefamuu artist Haacaaluu Hundeessaa hordofuun godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti mormiin hammatee jira, haaluma kanaan mormii…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Obbo Jawar Muhammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa hidhamuu gabaafame

Miidiyaan OMN Waajjira Ameerikaa irraa akka gabaasetti, Obbo Jawaar Muhammad fi Obbo Baqalaa Garbaa dabalatee…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Artist Haacaaluu Hundeessaa Ajjeefame

Artist Haacaaluu Hundeessaa galgala harraa magaalaa Finfinnee naannoo Galaaniitti rasaasaan dhahame kan ajjeefame tahuu gabaafame.…

4 days ago