header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Ameerikaan dhimma Niwukileeraa irratti Kooriyaa Kaabaa waliin haal-duree tokkoon maletti mari’achuuf waamicha goote


Image may contain: one or more people, glasses and suitMinisteerri haajaa alaa Ameerikaa Riiks Tilarsan, Mootummaan Ameerikaa dhimma Niwukileera Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee haalduree tokko malee prezdaant Kim Jong-Un waliin mar’achuuf fedhii kan qabu tahe ibse.

Tilarsan guyyaa kaleessa magaalaa Washington DC dhaabbata Atlantic council jedhumutti haasawa godheen, biyyi isaa Kooriyaan Kaabaa Niwukilerii akka hidhattu fedhii kan hinqabne tahuu ibsuun, haata’u malee biyyoonni lamaan kallattiidhaan marii akka jalqaban Kooriyaa kaabaatiif waamicha dabarse.
Mr Tilarsan haasawa isaa kanaan “Yeroo Kooriyaan Kaabaa mariidhaaf qophii taatee argamte kamittuu, Ameerikaan haalduree tokko malee marii jalqabuuf qophiidha” jechuun beeksise. Tilarsan itti dabaluudhaan “Kooriyaan Kaabaa Karoora Niwukileera ishii kana irratii humna guddaa kan itti baafte tahuu Ameerikaan ni hubatti, yeroo kanatti Kooriyaan kaabaa karoora Niwukilera isii dhaabdu malee marii hin geggeessinu jechuun waan nu baasuu miti’ jedhe.
Kooriyaan Kaabaa gama isitiin yeroo dhihoo keessatti dabalataan,misa’ela Niwukilarii heddu oomishuudhaaf qophii kan xumurte tahuu beeksifte.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button