header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Ameerikaan imbaasii Somaaliyaa keessatti banatte

Lola hamaa bara 1991 Somaaliyaa keessatti  ka’e hordofuun mootummaan jiddu galeessaa biyyattii eega kufee booda, Ameerikaa dabalatee biyyoonnii dhihaa heddu imbaasii isaanii cufanii turan. Haata’u malee sochii diinagdee waggoota dhihoo asitti Chaayinaa fi biyyoonni baha jiddu galeessaa gaanfa Afrikaa keessatti geggeessaa jiran hordofuun,  dhageettiin  Ameerikaan naannicha keessatti qabdu daran xiqqaataa dhufee jira.

 

Kanuma hordofuun mootummaan Ameerikaa Somaaliyaa dabalatee hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabu haarayaatti cimsuudhaaf sochii jalqabuu isaa beeksisee ture. Haaluma kanaan Ameerikaan imbaasii Somaaliyaa keessatti cuftee turte,  waggaa 28 booda guyyaa kaleessaa kan bante tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

 

Imbaasiin Ameerikaa kun ibsa baaseen, “hariiroon dipilomaasii Ameerikaa fi Somaaliyaa jiddutti bara dabre haarayatti jalqabame cimaa dhufuu isaa hordofuun, imbaasiin Maqdishoo banamee jira”jedhe. Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa  Donaald Yamamatoo “Imbaasiin Ameerikaa Somaaliyaa keessatti banamuun hedduu barbaachisaa fi akkasumas seena qabeessa’ jedhe. Ambaasaaddar Yamamatoon itti dabaluudhaanis, Moqaadishoo keessatti hojii dippiloomaasii seera qabeessa raawwachuu fi mootummaa federaalaa Somaaliyaatiifis beekkamtii kennuun hariiroo biyyoota lamaanii gara fuulduraatti kan tarkaanfachiisu tahuu ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button