Categories: Koroonaa

Ameerikaan lammiileen isii Indiyaa keessaa akka bahan akeekkachiifte

Indiyaa keessatti weerara vaayirasii kaoroonaa hammaateen guyyatti lubbuun namoota kumaatamaan lakkaahamanii kan darbaa jiru yoo tahu, kanuma hordofuun Ameerikaan lammileen isii biyyatti akka gadhiisanii bahan akeekkachiifte.

 

Indiyaan Khamiisa kaleessaa qofa namoota haarayatti vaaayirasichaan qabaman 379,257 galmeessuu kan beeksifte yoo ta’u, kun ammoo addunyaarratti lakkoofsa hunda caala olaanaa guyyaa tokkotti galmeeffame tahuu ibsame.

Imbaasiin Ameerikaa biyyatti jiru akeekkachiisa baaseen “Indiyaa keessatti yeroo ammaa tajaajila wal’aansa kamiyyuu argachuun garmalee rakkisaadha’’ jedhe. Imbaasichi Itti dabaluunis bakki hospitaaalonni dhukkubsattoota itti wal’aanan muraasni guutuurraan kan ka’e, lammiileen Ameerikaa muraasni hospitaalaa seenuu akka dhoorkaman hime.

Indiyaatti walumaagalatti lakkoofsi namoota dhibee koroonaatiin du’anii 200,000 caalera. Lakkoofsi namoota qabatamaatti sababa vaayirasichaatiin du’anii kan ibsamee ol ta’u akka malus ogeeyyiin fayyaa biyyattii ibsan.

Leave a Comment

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Lammiileen Itoophiyaa Sa’uudi keessa jiraatan qaama nageenyaan adamsamanii qabamaa akka jiran himan

Lammileen Itoophiyaa kuniin qaamoolee nageenya mootummaa Sa’uudiin kan Doorsifamaa jiran tahuu himu, dorsiisni kun immoo…

1 day ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Markazni Fath kan magaalaa Gimbii Marsaa 5ffaaf Barattoota 40 Hifzii Qur’aanaatiin Eebbisise

Godina Wallaggaa lixaa magaalaa Gimbiitti kan argamu markazni Hifzii Qur’aanaa Fathi barattoota  waggoota lamaaf barsiisaa…

1 day ago
  • Akhlaaqa

Al-Yaminul Ghamuus (Kakuu Kijibaa)

Kakuu kijibaa jechuun haqa nama biraa fudhachuuf wanta darbee irratti osoo beekanu kakachuudha. Zuur, Faajirah…

2 days ago
  • Odeeyfannoo

Bidiruun baqattoota fe’atte galaana diimaa keessatti dhidhimuun namoonni hedduun du’an

Lammiileen Afriikaa bahaa irra hedduun isaanii ityoophiyaa irraa tahan, osoo gara Yaman imalaa jiran qarqara…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Godina Haadiyaa Magaalaa Bonooshaatti Sagantaan Muhaadaraa  guddaan geggeeffame

Naannoo Sabaa fi sab-lammoota Ummattoota Kibbaa godina Haadiyaa aanaa Shaashoogoo magaalaa Bonooshaatti sagantaan Da’awaa guddaan…

5 days ago
  • Odeeyfannoo

Sa’uudiin lammiileen biyya biroo hajjii bara kanaa irratti kan hin hirmaanne tahuu labsite

Ministeerri Hajjii fi Umraa ibsa baaseen, Sirna hajjii bara 1442 lammiilee Sa'uudii fi namoota biyyattii…

6 days ago