header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ameerikaan loltoota isii Suuriyaa baasuudhaaf sochii jalqabde kan itti fuftu tahuu beeksiste

Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Maayik Pompiyoo baha jiddu galeessaa keessatti daaw’annaa hujii kan geggeessaa jiru yoo tahu, har’a Kaayiroo keessatti ministeera haajaa alaa Masri Saami Shukrii waliin eega mari’atee booda ibsa kenneen,  Ameerikaan loltoota Suuriyaa baasuudhaaf  sochii jalqabde kan itti fuftu tahuu hime.

 

Prezdaant Traamp ji’a dabre keessa Ameerikaan loltoota isii yeroo gabaabaa keessatti Suuriyaa kan baastu tahuu eega beeksisee booda, Masri dabalatee biyyoonni baha jiddu galeessaa heddu murtiin Ameerikaan jarjaraan fudhatte kun hidhattoota naannicha keessatti socho’an kan jajjabeessu jechuun mufii qaban ibsataa turan. Mufii kana ilaalchisee Mr Pompiyoon yaada kenneen,  Ameerikaan loltoota Suuriyaa keessaa baasuu kan itti fuftu tahus, naannichatti biyyoota michuu isii waliin tahuun duula hidhattoota irratti geggeessaa turte cimsitee kan itti fuftu tahuu beeksise.

U.S. Secretary of State Pompeo visits Egypt

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button