header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ameerikaan loltoota Isii Suuriyaa keessaa baasuuf kan qophaayaa jirtu tahuu gabaafame

Ameerikaan loltoota Suuriyaa keessaa qabdu hundaa saffisaan baasuudhaaf qophii irra kan jirtu tahuu CNN gabaase. Ameerikaan loltoota 2000 ol Suuriyaa keessaa kan qabdu yoo tahu, Kaaba Suuriyaa nannawa Manbiij jedhamu keessatti gareewwan finciltoota Kurd leenjisaa fi gargaaraa kan turan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Turkiyaan jalqaba waggaa kanaa duula Suuriyaa keessatti finciltoota Kurd irratti banteen, Ameerikaa waliin walitti bu’iinsaa Siyaasaa keessa galuun isii ni yaadatama. Haa ta’u malee booda irratti prezdaant Traamp lolta Ameerikaa hunda Suuriyaa keessaa kan baasu tahuu beeksisee ture.

 

Gama birootiin ammoo Turkiyaan naannawa loltoonni Ameerikaa gad lakkisanii bahaa jiran kana keessatti duula geggeessuuf kan qophaayaa jirtu tahuu beeksifte. Prezdaant Erdogaan guyyaa lama dura yaada kenneen, duula finciltoota Kurd irratti godhamu ilaalchisee Ameerikaa waliin walii galtee irra geennee jirra jedhe.

Waraana Ameerikaa

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button