header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Ameerikaan qondaaltota Turkiyaa irra qoqqobbii kaayuuf dhaadatte

Turkiyaan paastarii lammii Ameerikaa yaalii fonqolchaa bara 2016 prezdaant Rajab Xayyib Erdogaan irratti raawwatame “keessaa harka qaba” jechuun eega hiitee booda, hariiroon biyyoota lamaanii hammaataa dhufeera. Torbee darbe Ameerikaan diinagdee Turkiyaa irratti xiyyeefachuun meeshaalee Turkiyaa irraa gara biyya isii seenan kanneen akka Sibiilaa fi Almuuniyemii irratti gatii qaraxaa ol’aanaa tahe dabaluun tarkaanfii fudhatteen gatiin maallaqa Turkiyaa Liiraan  gad bu’ee ture.

 

Mootummaan Turkiyaa daba daldalaa Ameerikaan biyya isaa irratti raawwatte dandamachuuf,  investarootaa fi biyyootni biroo maallaqa isaanii biyyattii keessatti  Investimantii irra akka oolchan waamicha godhe. Haaluma kanaan biyyoonni heddu waamicha Turkiyaa fudhachuun kan tumsaafii jiran yoo tahu, Qaxar kallaattiidhaan doolaara Ameerikaa biiliyoona 15 baasuun Turkiyaa keessatti investimantii irra oolchuuf waliigaltee kan mallatteessite tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Ruusiyaa, Chaayinaa, Indoneezhiyaa fi Maleezhiyaanis hariiroo daldalaa Turkiyaa waliin qaban cimsuuf waadaa galaniiru. Kanuma hordofuun guyyaa lamaan dabran gatiin Liiraa bayyanataa jira.

 

Haata’u malee mootummaan Ameerikaa ammas Turkiyaan Paastaricha hiite hatattamaan yoo kan gad hin lakkifne tahe, qoqqobbii dabalataa biyyatti irra kan kaahu tahuu ibse. Ministeerri Maallaqa Ameerikaa Steven Mnuchin  Kamiisa kaleessaa akka jedhetti, Ameerikaan qondaaltota Turkiyaa ol’aanoo irra qoqqoobbii kaayuuf qophaayaa jirti. Prezdaant Trump gama isaatiin, “Turkiyaan paastrii Jaalala biyyaa qabu nurraa ugguruun, michuu dhugaa  Ameerikaa akka hin tahin nuuf mirkaneessitee jirti”jedhe.

 

Mootummaan Turkiyaa, daba diinagdee Ameerikaan biyya isaa irratti raawwataa jirtu, seera dhaabbata daldala addunyaa irratti hundaayuun kan falmu tahuu beeksise. Waldhabdee Ameerikaa fi Turkiyaa hammaataa dhufe hordofuun, Faransaayii fi Jarmanis rakkoo Siyaasaa Turkiyaa waliin qaban moggatti dhiisuun, hariiroo daldalaa Turkiyaa waliin cimsuu kan barbaadan tahuu ibsan.

Diinagdee Turkiyaa

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button