header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Ameerikaan talaallii vaayrasii koroonaa tolchuuf tattaaffi godhamu irratti kan hin hirmaanne tahuu beeksiste

Biyyoonni 150 ol Dhaabbata Fayyaa Addunyaa jalatti qindaahuun talaallii vaayrasii koroonaa tolchuu fi raabsuuf tattaaffi kan godhaa jiran yoo tahu, Ameerikaan yaalii akka idil addunyaatti godhamu irratti kan hin hirmaanne tahuu ifoomsite. Duulli yaalii talaallii tolchuu Koovaaks jedhamuu kun talaallii fayyummaan isaa mirkanaa’e argachuuf kan gurmaa’ee tahuus ibsame.
Haata’u malee bulchiinsi Doonaald Traamp gama isaatiin talaallicha argachuuf biyyi isaa Kophaa kan carraaqxu tahuu ibse ibse
Traamp dhuma baatii Caamsaa dabree Washington hariiroo dhaabbata fayyaa addunyaa waliin qabdu akka adda kutte ibsuun ni yaadataama. Traamp wayita sanatti Chaayinaan dhaabbaticha irratti dhiibbaa uumuun too’ataa jirti jechuun qeeqe.
Bulchiinsi isaa murtoo ammaa kanarraa kan gaheefis hariiroo dhaabbata fayyaa addunyaa waliin qabuu irraa ka’uun tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Hanga ammaatti Ameerikaa dabalatee biyyonni gara garaa talaallii vaayrasichaa argachuuf yaalii sadarkaa 3ffaa irra akka gahan ibsamaa jira.
Prezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp biyyi isaa tattaaffii kophaa isii godhaa jirtuun talaallicha filaannoon dura akka ifoomsitu dubbate.
Hanga ammaatti sadarkaa idil addunyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonatiin qabamanii miiliyoona 26 kan dabre yoo tahu, namoonni miiliyoonni 18 ol ammoo vaayrasicharra dandamachuu ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa argame ni muul’dhisa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button