header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ameerikaan Waajjira Dhaabbata Bilisummaa Falasxiin-PLO Washington DC jiru cufte

Waajjirri Ministeera haajaa alaa Ameerikaa guyyaa kaleessaa ibsa baaseen Waajjira dhaabbata Bilisummaa Falasxiin Washington DC keessa ture cufuu beeksise. Wajjirri PLO kun bulchiinsa Falasxiiniif akka Imbaasiitti tajaajilaa ture. Ameerikaan murtii kana kan fudhatteef, Bulchiinsi Falasxiin mana murtii addunyaa Zeheeg jirutti mootummaa Israa’eel irratti himannaa yakka waraanaa raawwachuu jedhu banu hordofuun akka tahe beekameera. Bulchiinsi Traamp, himannaan Israa’eel irratti baname kun fudhatama hin qabu jedhe.

Bulchiinsi Falasxiin himannaa kana kan bane eega Israa’eel ganda Falasxiinotaa Khan Al-ahmar jedhamu guutuutti Falasxiinota irraa kaastee manneen Yahuudotaa irratti ijaaruuf murteessiteen booda tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Ameerikaan bara darbe Alquds-Jerusaleem magaalaa guddoo Israa’eel jechuun eega labsiteen booda, Imbaasii Telaviiv irraa gara Alquds jijjiiruun isii hordofuun hariiroon bulchiinsa Falasxiin waliin qabdu hammaataa dhufe. Kanuma hordofuun Bulchiinsi Falasxiinis marii nageenyaa Israa’eel waliin geggefamuu malu irratti Ameerikaan kanaan booda qaama walabaa tahuu hin dandeessu jechuun beeksise.

Haa ta’u malee Ameerikaan waldhabdee Israa’el fi Falasxiin hiikuuf yaada araaraa qopheessite dhiheenyatti ifa kan gootu tahuu beeksifte. Wixineen Yaada araaraa Ameerikaan qophaaye kun, lammiilee Falasxiin miiliyoona shanii ol tahan kanneen Israa’eliin dachii isaanii irraa buqqifamanii baqattummaa irra jiran gara biyya isaanii akka hin deebine kan dhoorkuu fi akkasumas dhimmi Al-Quds marii keessaa kan baasee tahuun beekameera. Ameerikaan bulchiinsi Falasxiin yaada Araaraa kana akka fudhatuuf gargaarsa Falasxiinotaa kennitu dhaabuu dabalatee, dhiibbaa hamaa kan godhaa jirtu yoo tahu, bulchiinsi Falasxiin ammoo walabummaan Falasxiinotaa maallaqaan hin gurguramu jechuun yaada Ameerikaa kana kan hin fudhanne tahuu ibsaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button