header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Arba

Arbi hoosiftoota dachii tanarra jiraatan keessaa isa guddaa dha. Addunyaa kanarra sanyiin Arbaa lamatu argama. Isaanis Arba Eeshiyaa fi Arba Afriikaa jedhamuun beekamu. Sanyiin Arba Eeshiyaa bakka afuritti qoodama. Isaanis Arba Hind, Srii Laankaa, Sumaatraa fi Boorniyoo jedhamu. Arbi Afriikaa ammoo bakka lamatti qoodama; isaanis kan naannawa margaa jiraatanii fi kan daggala keessaati. Sanyiiwwan gurguddoo Arbaa lamaan keessaa inni Afriikaa keessatti argamu kan isa Eeshiyaatin wayta walbira qabamu akkaan guddaa dha.

Hoosiftoota dachii tana irra jiraatan keessaa bineensi utaaluu hin dandeenne Arba qofa. Sababni isaas qaamni isaa akkaan guddaa waan ta’eefi. Gama biraatiin miilli Arbaa jilba qabaatus, akkan furdaa fi gabaabaa waan ta’eef utaalchaaf mijaahaa miti. Miilli Arbaa kun qaama furdaa fi ulfaataa san baadhachuudhaaf haala ajaa’ibaatin kan Rabbiin isaaf kennee dha. Miilli Arbaa quba shan ofirraa qaba. Qubbeen kunniin foon isaa keessatti dhokatanii jiran. Garuu quba keessaa gariin isaanii qeensa hin qaban.

Arbi gosa bineensota Herbivaras ykn ammoo warra marga sooratan keessatti ramadama. Kanaaf jiruu isaa heddumminaan kan dabarsu bosonaa fi bakka mukkeen dhedheeraan argamanitti. Arbi tokko osoo margaa fi baala garagaraa sooratu wal faana sa’aatii 22f turuu danda’a.

Arbi guddina qofaan osoo hin taane waan hedduun bineensota dachii tanarra jiran caala. Fakkeenyaaf, rimayni Arbaa ji’oota 22f tura. Waggaa lama guutuuf ji’a lama qofatu hafa jechuudha. Ammas ajaa’ibatu jira. ilmi namaa yoo dhalatu avreejin haga KG3 ulfaata, ilmoon Arbaa garuu yoo dhalatu haga KG 117 ulfaata. Ilmoon kunis akkuma dhalateen yeroo muraasa keessatti qaama isaa ulfaataa kana qabatee dhaabbatuu danda’a.

Ilkaan Arbaa kan alaan mul’atu umrii isaa guutuu guddina hin dhaabu. Ilmi namaatis ilkaan kanaaf jecha Arba adamsee ajjeesa. Arbi ilkaan kana waan adda addaatiif fayyadama. Bishaan , sooqidda, fii hidda biqiltootaa ilkaan kanaan qotee baasa. Yeroo tokko tokko yoo wal lolus ilkaan kanaan wal dira.

 

Walumaa galatti Arbi ilkaan 26 qaba. Wanti ajaa’ibaa garuu ilkaan Arbaa 26n kanniin keessaa 24 A’oo yoo tahu, ilkaan lamaan duraa qofatu a’oon adda jira. A’ooleen ilkaan Arbaa kunniin ji’a jaha jahan jijijjiiraman. Jijjiiramuu jechuun maali? Mana yaala ilkaanii dhaqee jijjiirata moo jettanii of hin gaafatinaa. Gooftama isa khalaqetu akkasitti mijeessee isa uume. Ilkaan duraa yoo dulloome keessaa bu’ee haarofni biqilaaf. A’oon haarawa biqilu kun ammoo adaduma jijijjiiramuun guddinni isaas dabalaa deema.

Qaama Arbaa keessaa inni addaa fi ajaa’ibaa Kumbii isaati. Kumbiin arbaa hidhii gubbaa fii funyaan irraa ijaarame. Qaamman Arbi tokko qabu keessaa Kumbiin qaama akkaan barbaachisaadha. Jireenya Arba tokkootiif wanti akka kumbii kanaa murteessaan hin jiru. Yeroo waa nyaatuu barbaade Kumbii kanaan dameelee mukaa caccabsaa gara afaan ofii erga. Dabalataan ammoo bishaan ittiin dhuguudhaaf fayyadama. Arbi tokko avereejiidhaan Kumbii isaa kanaan bishaan haga leetira 14 ol xuuxuudhaan gara afaan ofiitti dabarsa. Yeroo qaama ofii dhiqatuu barbaadus kumbima kana fayyadama. Bishaan xuuxeeti humna guddaan gogaa ofii irratti ol facaasa. Xuriin takkallee qaama isaa irratti osoo hin hafin irraa qulqullaawa.

Qaama guddaa waan qabuuf utaaluu hin danda’u, garuu bishaan daakuu ni danda’a. Gama biraatin Arbi gurra guddaa qaba. Gurri isaa kunis faayidaa jabaa qaba. Innis hoo’a akka malee gara qaama isaa dhufu ofirraa deebisuuf tajaajila.

Arbi bineensota dachii tanarra jiraatan keessaa amala addaa qaba. Arbi tokko yeroo du’etti ykn ammoo miidhametti, akkuma ilmi namaa walii gaddu, Fedhinnaa ofiirra fedhinnaa hiriyyaa isaanii dursu. Akka malee rahmata waliif qabu. Arbi qaama guddaa waan qabuuf diina hedduus hin qabu. Garuu diinni isaa guddaan Leenca, Qeerransaa fii ilma namaati. Arbi yeroo heddu gamtaadhaan socho’a. yeroo isaan gamtaan socho’anitti, leenci ilmoo arbaa keeysa barbaadata. Garuu hoomaa arbaa kana keessaa arbi dhaltuun takka yeroo heddu wareegama of kenniti. Ilmoolee arbaa leencarraa oolchuuf duubatti haftee falmatti. Leencis uggee jala hin dhaabbatu. Garuu eega yeroo dheeraaf waldhaansoo godhanii booda, leenci heddummaatee arba dhalaa tana lafaan gayata. Lubbuu ofii wareegdee ilmoolee ofii nagaya baafti. Jireenyi akkanaa kun bosona keeysatti waan baratamaadha. Tahus garuu leencis yeroo heddu Arba uggee waan itti hin dhihaanneef nagayumaan jiraatu.

Arbi dhalaan jireenya ajaa’ibaa gamtaan dabarsu. Garee Maatii uumuudhaan jiraatu. Gareen kunis, Haawwan, Akkawoo, Ilmoolee dhalaa, Adaadota, fi obboleewwan walitti qabata. Dhiirri garuu jireenya kophaa jiraata.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button