Uumamni har’a isiniif dhiheessu, uumama Rabbiin xiyyeeffannaa guddaan akka ilaallu nutti hime keessaa isa tokko. Rabbiin guddaan Suuratul Nahl, Suuraa 16ffaa aayaa 79 irratti akkana jedha:
أَلَمۡ يَرَوۡاْ إِلَى ٱلطَّيۡرِ مُسَخَّرَٰتٖ فِي جَوِّ ٱلسَّمَآءِ مَا يُمۡسِكُهُنَّ إِلَّا ٱللَّهُۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ
Sila Ormi Kuffaaraa sun, Waan dandeeytii Rabbii isaan garsiisu, waan bararaa laalanii hin arganii? Tan Laaftutti Barartu, Qilleensa Samii keessa. Tan Rabbi Malee, Dandeeytii isaa malee, wanti isii kufuurraa dhoorgu hin jirre. Kana keessa Ragaa dandeeytii Rabbii Mul’attutu jira. Warra haqa dhugoomsuuf.
Hedduun keenya xayyaara samii keessa barrisu yoo arginu ajaa’iba nutti ta’a. dhugaadha xayyaara sanuu hojjachuun waan ajaa’ibaati. Garuu sanirra wanti Ajaa’ibsiifamuu qabu, dandeettii Rabbii sammuu xayyaara hojjachuu danda’u uumeeti. Sagantaan keenya hardhaa waahee xayyaaraa irratti hin xiyyeeffatu. Namni dura xayyaara hojjate, Allaattii Rabbiin samii keessa akka barartu godhee uume irraa laallate. Sammuu Rabbiin isa badhaasetti fayyadamee, uumama Rabbii irraa laallatee xayyaara hojjachuu danda’e. Kanaaf anis Waa’ee Gosa Allaattii tokko isinitti himuuf qophaayee dhufe. Rabbiin (SW), Allaattii gosa garagaraa dachii tanarratti uumee, dandeettii isaatiin, samii keessa rakkoo takkaan maletti akka barrisan isaan taasise. Uumama kanniinis xiinxallinee akka ilaallus, Qur’aana isaatiin nuuf hime. Kanaafuu nutis uumama kanniin xiinxallinee ilaaluun barbaachisaadha, Tokkichummaa Rabbiitii fi guddina isaa beekuudhaaf akkaataa uumamaalee hunda inni uumee ilaaluun qofti gahaadha.
Uumamni har’aaf isiniif filadhe, Avoset jedhama. Avoset Simbira bishaan keessaa jedhamee waamama. Sababni isaatis yeroo qilleensa gubbaa barrisu yoo taate malee, hedduminaan bishaan keessatti dabarsa. Sanyiin uumama kanaa gosa afurtu jira. Isaanis, Pied Avocet, American Avocet, The Red-necked avocet, akkasumas Andean Avocet jedhamu. Sanyiin allaattii kanaa Hunduu naannoo jiidhaa fi qarqara bishaanii irra jiraatu. Qubsumni Pied Avocet Awrooppaa fi Eezhiyaa yoo ta’u, American Avocet, akkuma maqaa isaa kutaa Ameerikaa Kaabaa keessatti argama. Red-necked Avocet ammoo Awustraliyaa keessatti argama. Inni xumuraa kan Andean avocet jedhamu ammoo gaarreen Andes kan Ardii Ameerikaa Kibbaa keessaatti argamu keessa jiraata.
Avoset uumama foon sooratu yoo ta’u, soorata isaatis qaamman bishaanii keessaa argata. Kanaafuu soorata isaa argachuudhaaf bishaan keessa olii gad deemuun dirqama. Kana gochuudhaaf ammoo miila mijaahaa qabaachuu qaba. Rabbiin guddaan uumaan uumama hundaa, qubbeen isaa jiddu gogaa adda dhifamu kenneef. Miila Ajaa’ibaa kanaan lafa dhoqqeefi cirrachaa keessas rakkoo takka malee deemuu danda’a. miilli isaa dhoqqeefi cirracha keessas akka gad hin seenne, gogaa qubbiin isaa jiddutti argamu kanatu dhoorga. Dabalataan allaattiin kun ija ajaa’ibaa badhaafamee jira. Ijji isaa bishaan keessattis haala gaariin waa arguu dandeetti.
Avoset garee uumee qubsuma gamtaa tolfatee jiraata. sababni isaa ammoo yeroo heddu naannoo irraa naannotti baqataa waan jiraatuuf, yeroo baqatan kana diinarraa of eeguudhaaf waliin garee uumanii deemu. Yeroo haalli qilleensaa akkaan oowwuu fi yeroo roobni dhabamu, akkasumas qaamman bishaanii yoo goggogan, gara naannoo qilleensa mijaahaa fi jiidhina qabutti godaana.
Haalli wal hormaata Allaattii kanaa haaluma allaattiiwwan hedduutiin wal fakkaata. Goojjee Killeen keessatti dhokfamtu eega ijaaranii booda, dhaltuun goojjoo san keessatti killee haga 4 buusti. Kana booda Kormaa fi haadhoonis wal gargaaranii hanqaaquu kana hammatu. Guyyaa 25 keessatti, hanqaaquun cabdee ilmoon keessaa baati. Ilmooleen haarawaatis haga gaafa ji’a tokko guutanitti maatima waliin turu. Avoset avreejiidhaan haga waggaa shanii lubbuun turuu danda’a.
Avoset diina heddus hin qabu. garuu Bineensonni akka adurree, saree, Wiizilii fi stoat jedhaman, hanqaaquufi ilmoolee xixiqqoo Adamsanii jalaa sooratu. Kanaan alatti Avoset uumama qubsuma isaa keessa nagayaan jiraatuu danda’u jechuu dandeenya. Haa ta’u malee, ilmi namaa hamma murtaa’eenis ta’u dhiibbaa irraan gahuun isaa hin oolamne. Akkuma dura isinitti hime uumamni kun qaamman bishaaniitti dhihaatee jiraata. Qaamman bishaanii keessaallee qarqara irra miilaan deemaa soorata isaa barbaaddata. Haa ta’u malee, naannoon qarqara bishaanii kun balfa garagaraatiin faalamuu isaatiin uumamani kun hamma murtaayes ta’u miidhamutti jira.
Dooniin dhaabbata boba’aa Israa’el tun, gara daangaa Cyprus seenuun galaana Meditraaniyaan keessatti hojii qorannoo barbaacha boba’aa irra kan turte yoo…
Prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir April dabre aangoo irraa eega fonqolchamee booda, malaamaltummaa fi seeraan ala maallaqa biyyoota biroo dhuunfachuun himatame…
Filannoo miseensota paarlaamaa ariifachiisaa kaleessa gaggeeffame kanaan, paartiin muummicha ministeeraa Boris Johnson kan biyyattii bulchaa jiru, teessoowwan 360 argachuun sagalee…
Lammileen Itoophiyaa biyya Suudaan magaalaa Kaartuum jiraatan sababa waraqaa jireenyaatiin walqabatee waraana biyyattiin qabamanii manneen hidhaatti kan darbatamaa jiran tahuu…
Haleellaa buufata loltootaa lixa Niijeer irratti raawwatameen loltoonni mootummaa 71 ajjeeffamuu, 12 immoo madaa'uu fi akkasumas loltoota hedduu achi buuteen…
Ummatni Briteen bara 2016 Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf rifarandamiin eega murteessee booda, mootummaan biyyattii adeemsa gamticha keessaa bahuu irratti walii…
View Comments
wa wr wb
as wr wb