Categories: Awustraaliyaa Odeeyfannoo

Awustiraaliyaan Qondaaltota Ol’aanoo Waraana Miyanmaar shan irra uggura keette

Advertisements

Mootummaan Awustiraaliyaa Kiibxata har’aa Jeneraalota Waraana Miyanmaar kanneen duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame, adda durummaan qindeessan irratti uggura cimaa kaaye. Ministeerri haajaa alaa Awustiraaliyaa Marise Payne ibsa kenniteen, “Qondaaltonni Waraana Miyanmaar shanan uggurri irra kaahame, duula duguuggaa sanyii muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame qindeessuu isaanii ragaa gahaa qabna” jette.

Uggura qondaaltota kanneen irra kaayame jidduu, qabeenyi Awustiraaliyaa keessaa qaban akka hin sochoonee fi qondaaltonni kunniin gara Awustiraaliyaa akka hin seenne murteen jedhu keessatti argama. Dabalataanis Kaampaaniin Awustiraaliyaa namoota shanan waliin waliigaltee maallaqaa raawwatu doolara miiliyoona 1.2 kan adabamu yoo tahu, namni dhuunfa jara kana waliin waliigaltee raawwatu  ammoo hidhaa waggaa 10tiin kan adabamu tahuu ibsame.  Mootummaan Awustiraaliyaa waraana Miyanmaar leenjisuu fi gargaarsa maallaqaa fi meeshaalee waraanaa kennuudhaan kan beekamu yoo tahu, qondaaltota Miyanmaar irra uggura kana kaayuudhaaf yeroo dheeraa rincicaa ture.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhiibbaa mirga namoomaa Miyanmaar keessatti muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame eega qoratee booda, waraanni biyyattii yakka duguuggaa sanyii raawwachuu beeksise. Qondaaltota UN duula duguuggaa sanyii kana qindeessan jechuun maqaa dhahe jidduu, Jeneraalonni Awustiraaliyaan amma uggura irra keette shanan keessatti argamu. Haaluma wal fakkaatuun Ameerikaa fi gamtaan Awurooppaatis qondaaltota kanneen irra uggura kaayanii akka turan gabaasni arganne ni ibsa.

Muslimoonni Miyaanmaar kanneen ajjeechaa jumlaa, gudeeddaa fi hidhaa irraa hafanii gara Baangilaadiish baqatuun yeroo ammaa Kaampiilee adda addaa keessatti argaman 700,000 ol akka tahan ragaaleen UN ni mul’isu.

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Jilli Mootummaa Saa’uudii itti aanaa ministeera haajaa alaatiin durfamu Ityoophiyaa daaw’ataa jira

Jilli qondaaltota mootummaa Sa’uudii fi bakka bu’oota hawaasa daldala biyyattii miseensa 50 qabu kun, itti aanaa ministeera haajaa alaa Sa’uudii…

2 hours ago
  • Og-Barruu
  • Seenaa

Luqmaan Al Hakiim, Akkamitti Hakiima Ta’e?

Akkamitti Hakiima taate(hayyummaa arkatte)? Ja'ani Luqmaan al Hakiim gaafatan. "Dhugaan dubbadha! Amaanaan eega! Maalaaya'nii(waan bu'aa hin qabne) irraahin fagaadha." Ja'e.…

24 hours ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Balaa Konkolaataa Godina Iluu Abbaa Boor keessatti muudateen lubbuun nama 11 dabru gabaafame

Balaan kun kaleessa galgala Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Algee Saachii keessatti kan muudate yoo tahu, konkolaataan Isuzu ummata fe’atee…

1 day ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Komishiiniin Gamtaa Awrooppaa deeggarsa Yuuroo miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 70 Ityoophiyaa kennuuf walii galteen mallatteeffame

Prezdaantiin Komishiinii Gamtaa Awrooppaa Ursula Von der Leyen fi Daayirektarri tumsa idil addunyaa gamtichaa Ms. Jutta Urpilainen daaw’annaa hojiitiif har’a…

2 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Bulchaan Godina Naayiroobii Maayik Soonkoo malaamaltummaan shakkaamee hidhame

Daayirektarri Abbaa Alangaa Keeniyaa Nuuraddiin Hajjii Jum’aa har’aa ibsa kenneen, Bulchaa Godina Naayiroobii dabalatee qondaaltonni mootummaa 15 to’annaa jala akka…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Paartileen Morkattootaa 10 waliin hojjachuuf Walii galtee mallatteessan

ABO dabalatee paartileen morkattootaa 10 guyyaa har’aa hoteela Ililliitti waliin hojjachuuf, walii galtee mallatteessuu gabaafame. Paartileen waliigaltee mallatteessan kunniin 1.…

3 days ago