OdeeyfannooOg-BarruuTafakkur

Awwaannisa

 Ilbiisota keessaa kan namni heddu beeku  Awwaannisa. Guddinni awwaannisaa ilbiisota jiddu galeessa ta’an keessatti ramadama. Ilbiisni kun naannoo margaafii biqiltoonni akkasumas bishaan gahaan jiru malee hin jiraatu.

Dheerinni awwaannisaa hanga iinchii 2 ni gaha. Sababa kanaaf jecha jiraachuudhaaf yoo xiqqaate marga hanga inchii 5 dheeratu barbaada.

 Awwaannisni lafa oowwina qabu kan biqiltootaafii marga jiidhaa hedduminaan qabu jaalata. Yoo iddoo inni jirutti haalli qilleensaa qabbaanaaweefii yoo biqiltoonni gogan, hoomaadhaan iddoo sanii buqqa’ee gama naannoo biro godaana.

Godaansa isaa kana keessatti, waan karaa inni keessa deemu irratti argamu tokkollee hin dhiisu. Biqiltootaa fi marga argate hunda dachiirraa xuruuraa deema.  midhaan akka garbuu fi qamadii dhaabatumatti caccabsee akka haamtuutti haamaa yeroo gabaabaa keessatti barbadeessee bira dabra.

Godaansa Awwaannisa

Biyya keenya keeysatti yeroo tokko tokko awwaannisni midhaanitti ni qabata. Hawaasni biyya keenyaatis, itillee goggogaafii waan yoo tuman iyyu itti iyyisiisanii rifachiisanii malaan ofirraa kaasu. Akkas malee yoo itti dhiisan oorruun midhaanii takkallee naannoo sanitti hin haftu. Margi loon dheedus dachii naannoo sanii irraa takkumatti haamamee dhuma.

Sanyii Awwaannisa

Dachii tana irra sanyiin awwaannisaa kuma 11 oltu argama. Sanyiin kun hundi isaaniituu naannoo mukkeenii fi margi baay’inaan argamu keessa jiraatu.

Haala Uumama Awwaannisa

Haala uumama awwaannisaa yoo laalle immoo, akkuma ilbiisota hedduu awwaannisnis qaama gosa sadihii qaba. Mataa, mudhii fi garaa isaati. Dabalataanis miila qaba. Koola akkasumas ammoo anteenaa lamaa mataa irraa qaba. Anteenaan awwaannisaa wantoota naannoo sanitti argaman toohatee dhaamsa gara sammuutti dabarsa. Dheerinni anteenaa kanaa dheerina qaama isaa ni caala. Kana jechuun anteenaan awwaannisaa inch tokko yoo ta’e, mataan, mudhiini fi garaan awwaannisaa walitti inchi tokko gad ta’a jechuu dha.

Awwaannisni miila jaha qaba jennee jirra. Gama tokkoon sadihi gama kaaniinis sadihi. miilli awwaannisaa kun akka malee jajjaba. Miilli awwaannisa lamaan kan gama duubaatti argaman immoo dheeraa fi humna jabaa kan qabu yoo tahu, Yeroo heddu miila lameen duubaa ol cabsatee deema. miila isaa duubaa kanatti fayyadamuudhaan fageenyaa dheeraa utaaluu danda’a. Yeroo tokkoon fageenya dheerinna isaa dachaa kudhaniin caalu samii keessa ol utaaluu danda’a. Akkasumas dagalee ammoo dheerinna isaa dacha 20 caala utaalu danda’a. Miilli isaa hafan afran garuu deemsaaf akkasumas muka, margaa fi biqiqltoota garagaraa irra bahuudhaaf isa gargaara.

Awwaannisni ilbiisota heerbiivaras keessatti ramadama. Kanaaf nyaatni isaaf heddu barbaachisu biqiltoota, mukkeen, firiiwwanii fi marga soorata. Gama biraatiin awwaannisni wantoota hedduun nyaatama. Reepitaayiloonni, ilbiisonni isa irra gurguddaa ta’an, hoosiftonni fi simbirroonni heddu awwaannisa sooratu. Biyyoota Afriikaa garii fi Eeshiyaa keessatti ilmi namaatis awwaannisa ni soorata.

Awwaannisni dhalaan wayta wal hormaataatti hanqaaquu bifa calleeetiin jiru hanqaaqxee cirracha keessatti awwaalti. Hanqaaquun kunis haga 20 ni ta’a. calleen hanqaaquu kun hanga iinchii 2 gad fageeeffameeti awwaalama. Ji’a 9f erga cirracha keessa tureen booda wayta haalli qilleensaa akkaan hoo’aa ta’etti ilmooleen takka takkaan keessaa yaati.

Hanqaaquu callee fakkaatu sanirraa jalqaba ilmoon tokko ykn kan nymph jedhamu, hanqaaquu cabsee, cirracha san keessa loohe dirree gubbatti ol baha. Kana booda kanneen hafanis walduraa duubaan hanqaaquu ofii cabsaa gara addunyaa tanaa makamu.

Hanqaaquu Awwaanisa

Akkuma hanqaaquu keessaa bahaniinis saffisa jabaan guddataa deemu. Garuu wanti ajaa’ibaa tokko ni jira.

Awwaannisni tokko jireenyi  waggaa tokko hin guutu. Hedduun isaanii akkuma ol guddataniin du’an. Kana jechuun awwaannisni hedduun isaa dachii tanarra osoo hin taane hanqaaquu keessaa yeroo dheeraa jiraata.

Awwaannisni qaamaan yoo ilaalan ija keenyatti xiqqaa fakkaatu kun garuu gaafa baditti ka’e wanti isa gahaa hin jiru. Waggaa waggaan Awwaannisni midhaan doolaara biiliyoona 1.5 ta’u barbadeessa. Kunis qabeenya guddaa dha.

Show More

11 Comments

  1. As wr wb qopheessitota qoophii nuhuraalhudaa gaaltnii keessaan jeenataal firdossi hata.u.waan baayyee isiinirraa barachaa jira rabbiin umuuri keessaan keessa barahaka haka,u.!!!.gaafiin qaba. gafiin kos kanuma yeero hunda issiniti deedebite isiin cinqa jirtudha. inis wa.ee nikaati).annif jarsii ko erga adda bane woga4 genyeera. kan issa irraa adda nabasees waiidhuum diini rabbiiti. salata rabbi hin egatu yeero hundaa ofii kotiile shekota nanno ille it fiden Gorsa.ture. torbaan 1 salaate sana boda hindhissa. abbaaf hadhaa issatifile kabbaja hinqabu. annalle hiriyaa issa hiriyaa ko biratii waan hintanee naan jedha. akka hadhaa manasati Nahin laaluu. kanuma hundaa obseen ture.watokko jijjirama ara argamu didee. naxiineesu male . anillee ama biyyaa Allan jira. takkaa essa jirti jedhe mati ko gafate hin beeku. hama yomitaan akkasiiti ta.a jedheen jawalla issa barbaadee dawalee. qabbenyaan siibira qabu maharikos singfadhu nahiikin jedheen. ishi matii keeargiin jedhe matinkos bellamaratii dhaqaani achin boda yo birri (Kuma dhibba tokkof shantama )nakeenite male hinku jedhe maatiko gaalchee. Birri kana hundaa keenu hindanda.u. issatillee debbii.u hin fedhu. rakko kanatu harkaa naqaba maalii maaliko. obssanin issin dhagefadha.

  2. Assaallamu aleekum waramatulha wabarkathu Kabajmatoota fi jalaamaatoot Qopeessitoota radiyoo nuuraal hudaa baayee namaati toltojabadha halumaa kan ittii fufaa raabii umrii isiin haa dheeresu inshallah allah

  3. afiiyaa iraan Dr Rashidn gaafi qabaa dubartti fedhii jarsaa ishii gubbu enaa walqunaman bodaan gubadhee jitti maaltu ?

  4. saagantaan radio nuuralhudaa barnotaa gaarrii nuuf qoodaa jirtaanii galatoomaa waan gaarrii iraa barannee

  5. as wr wb kabajamtotaa fi jalamtotaa barsiftotaa nuralhudaa akkam jirtaan baga jirataan bakumaa jitanitii tollaa rabbii keessaa jiradhaa kanati ansudhaa gafin qaba lnshallaa gafi kiyyaaf debii hin argadhaa jedhee abdiin qabaa inshalaa. gafin tiyalee. wahee maa kotii lrayii jalqabaa. gurbaa toko jaladhee turee jalalaa yero dhertuu waliin turee oso akasiitii teynuu ani karaa biya alaa demuuf kaee gafuma ani demuf gee kanaa nigayaa nahidhtee sabodaa ani bira demee egaa bira demee. jiia 8 ti jiraa nigan duratii garu wan rabin hin jalanee lsawaliin dalagee walumaa galatii waniin karaa keessan dhufee rabiin lraa ararmaa barbadeetii. yoakamiin godhee rabii raa , ararma fedhaa. maltu nar. egamaa garu gurbaan kun. namale lee hadhaa manaa hin qaba. anile oso qabanyu lsaa beku jaladhee gurban halan qabeessa. wan teef salata rabiilee hamaa humnaa lsaa lnumaa craqataa anileen akasumaa alhamdulilahii gafikiyaf debi obsaan lsin egadhaa galtomaa

...

Back to top button