header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Baatii jahan dabranitti namoota 13,000 ol kanneen yakka adda addaatiin himatamanii turan himannaan irraa kaafamuu gabaafame

Eega muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad gara aangoo dhufee booda, lammiileen biyyattii yakkoota Shororkeessummaatiin, biyya ganuu fi yakkoota biroo gara garaatiin itti murteeffame, akkasumas kanneen dhimmi isaanii mana murtiitti ilaallamaa ture, walumaagalatti namoota 13,200 tahan labsii dhiifamaa ji’oota 6 dabran keessa labsamee tureen himannaan irraa kaafamu gabaafame.

Miidiyaaleen mootummaa Abbaa Alangaa Federaalaa waabeffachuun akka gabaasanitti, labsii dhiifama ji’oota 6’n dabraniif labsamee ture hordofuun namoonni 13,200 ol himannaan irraa kaafamee waraqaa ragaa kan fudhatan akka tahuun beekkameera. Dabalataanis labsii dhiifamaa kana hordofuun gareewwan mootummaa Ityoophiyaatiin shororkeessummaan yakkamanii biyya alaa turan, karaa nagayaatiin siyaasaa biyyattii keessatti hirmaatuuf gara biyyaa kan galan tahuu gabaasichi ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button