Ibaadaa

Baatii Ramadaanaa keessa Sadaqaa keennatuun ajrii dachaa qaba.

Baatii Ramadaanaa keessa Sadaqaa keennatuun ajrii dachaa qaba.

Rabbiin yeroo kamiyyuu taanaan maallaqa karaa isaa irratti bahu ilaalchisee akkana nuun jedha:
يَاأَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا أَنْفِقُوا مِنْ طَيِّبَاتِ مَا كَسَبْتُمْ وَمِمَّا أَخْرَجْنَا لَكُمْ مِنَ الْأَرْضِ وَلَا تَيَمَّمُوا الْخَبِيثَ مِنْهُ تُنْفِقُونَ وَلَسْتُمْ بِآخِذِيهِ إِلَّا أَنْ تُغْمِضُوا فِيهِ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ غَنِيٌّ حَمِيدٌ} [البقرة: 267]
“Yaa warra amantan! gaggaarii waan carraaqqattaniifi waan Nuti dachii irraa isiniif baafne irraa kennadhaa. (Odoo isiniif kennamee) Isa keessatti ija dunuunfattanii malee kan hin fudhanne taatanii, isa irraa kennachuudhaan Waan fokkataa hin yaadinaa. Rabbiin dhugumatti dureessa, faarfamaa ta’uu beekaa.” [Albaqaraa:267]
Ammas ayaata biroo keessattis:

{مَثَلُ الَّذِينَ يُنْفِقُونَ أَمْوَالَهُمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ كَمَثَلِ حَبَّةٍ أَنْبَتَتْ سَبْعَ سَنَابِلَ فِي كُلِّ سُنْبُلَةٍ مِائَةُ حَبَّةٍ وَاللَّهُ يُضَاعِفُ لِمَنْ يَشَاءُ وَاللَّهُ وَاسِعٌ عَلِيمٌ (261) الَّذِينَ يُنْفِقُونَ أَمْوَالَهُمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ ثُمَّ لَا يُتْبِعُونَ مَا أَنْفَقُوا مَنًّا وَلَا أَذًى لَهُمْ أَجْرُهُمْ عِنْدَ رَبِّهِمْ وَلَا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ (262)} [البقرة: 261، 262]
“Fakkeenyi warra qabeenya isaanii karaa Rabbii keessatti arjoomanii, akka fakkeenya firii sootalloo (mataa) torba baasee sootalloo hunda keessa firiin dhibbi jiruuti. Rabbiin nama fedheef dachaa taasisa. Rabbiin (kennaan isaa) bal’aa, beekaadha. Warri qabeenya isaanii karaa Rabbii keessatti kennatanii, ergasii waan arjooman dhaaddannaafi rakkisuu hin hordofsiisin, isaaniif mindaan Gooftaa isaanii bira jira. Sodaanis isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus.” [Albaqaraa:261-262]

Show More

...

Back to top button