header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Balaa Ibiddaa Yaman keessatti Muudateen nyaataa fi meeshaaleen gargaarsaa barbadaaye

Balaa Ibiddaa guyyaa kaleessaa Yaman buufata Doonii Hudeeydaa keessatti uumameen nyaataa fi meeshaaleen gargaarsaa heddu kan barbadaaye tahuun beekame. Naannawa finciltoonni Huusii too’atan keessatti balaan ibiddaa Mana Kuusaa Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti ejensii nyaataa addunyaa “World Food Program” irratti dhaqqabe kanaan, gargaarsi dhaabbatichi namoota beelaa fi dhibeef saxilamaniif geessuuf walitti qabe, guututti kan barbadaaye tahuu hojjattoonni dhaabbatichaa Rooytersitti himan.

Ka’umsi balaa kanaa hanga ammaatti kan hin beekkamin akka tahee fi eega ibiddi ka’een booda osoo hin babal’atin to’achuudhaaf tattaffiin godhame laafaa akka ture gabaasichi ni ibsa.

Dhaabbanni fayyaa addunyaa akka jedhutti, lolli Yaman keessatti waggaa Sadi dura jalqabame, lammiilee biyyatti beelaa hamaa akkasumas dhibee Koleeraatiif Saaxilee jira. Balaa beelaa Yaman keessatti uumame, UN “gaaga’ama hamaa kanaan dura hin argamin” jechuun kan moggaase yoo tahu, namoonni Miiliyoona 22 fi kuma 200 gargaarsa nyaataa kan barbaadan yoo tahu, miiliyoonni 8 fi kuma 600 ammoo haala yaaddessa keessa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button