header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Balaa konkolaataa Aanaa Arsii Nageelleetti muudateen lubbuun namoota 5 darbe

Balaan kun har’a waaree booda Godina Arsii Lixaa Aanaa Arsii Nageelleetti kan muudate yoo tahu, lubbuun namoota shanii battalumatti dabruu gabaafame. Dabalataanis namoonni heddu balaa kanaan miidhamanii jiru.

Ityoophiyaan biyyoota balaan konkolaataa hamaa ta’e yeroo heddu keessatti muudatu keessaa adda duree yoo taatu, yeroo dhihoo asitti ammoo lakkoofsi balaa traafikaa kun dabalaa dhufee jira. Balaa torbee dabre naannoo Oromiyaa iddoolee gara garaatti muudateen qofa, lubbuun namoota 60 ol dabruu odeeyfannoon ni addeessa.
Odeeyfannoo wal qabateen, guyyaan yaadannoo namoota balaa tiraafikaatiin miidhamanii bara kana sadarkaa addunyaatti yeroo 14ffaaf har’a kan yaadatame yoo tahu, sadarkaa Ityoophiyaattis yeroo 12ffaaf mata duree “Lubbuun namaa qaama konkolaataati miti; meeshaa jijjiirraa hin qabdu!” jedhuun magaalaa Finfinnee keessatti sirni yaadannoo geggeeffamee jira.

Sirna Yaadannoo kana irratti Ministeerri Traanspoortii aadde Daagmaawit Moges haasaya gooteen, balaan tiraafikaa yeroodhaa gara yeroottii dabalaa akka dhufee fi kunis miidhaa ol’aanaa dhaqqabsiisaa akka jiru ibsite. Haaluma kanaan Bara 2011tti balaa tiraafikaa Ityoophiyaa keessatti muudateen lubbuun namoota 4,597 darbuu, namoota 7,407 miidhaan qaamaa cimaan irra gahuu fi namoota 5,949 ammoo miidhaan qaamaa salphaan irra gahuu himte. Kana malees qabeenyi birrii biliyoona dhibba 8’tti tilmaamamu barbadaayuu ibsite.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button