header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Balaa Konkolaataa aanaa Mooyyalee ganda Bokkoolaatti mudateen lubbuun nama 3 dabruu fi namoonni 40 ol miidhamuu gabaafame

Konkolaataan uummata naannoo Kibbaa Konsoo irraa gara Mooyyaleetti imalaa ture, aanaa Mooyyalee ganda Bokkoolaatti ganama arraa naannawa sa’aa 4:00 gargaluun, lubbuun nama 3 battalumatti dabruu fi namoonni 40 ol immoo miidhaan cimaa fi salphaan irra gahe, gara hospitaala Fulleessaa kan magaalaa Mooyyaleetti geeffamanii wal’anaama jiraatu odeeyfannoon ni addeessa.

Odeeyfannoo biraatiin ammoo balaa konkolaataa Aanaa Cooraa magaalaa Qumbaabeettis mudateen, miidhaan qabeenyaaa fi qaamaa salphaan imaltoota irra gahu fi balaa kanaan lubbuun dabre kan hin jire tahuu beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button