
Balaa Konkolaataa Godina Iluu Abbaa Boor keessatti muudateen lubbuun nama 11 dabru gabaafame
Balaan kun kaleessa galgala Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Algee Saachii keessatti kan muudate yoo tahu, konkolaataan Isuzu ummata fe’atee saffisaan imalaa ture, naannawa Goboraa jedhamutti gara galuun tahuu poolisiin aanichaa beeksise.
Bakka bu’aan Poolisii aanichaa Saajin Jaafar Taayyee Eejensii Odeeyfannoo Ityoophiyaatiif akka himetti, “konkolaataan fe’umsaa kun seeraan ala namoota 30 ol kanneen gabaa galan fe’atee, magaalaa Algee irraa gara aanaa Daarimuu imalaa ture” jedhe.
Balaa kanaan namoonni 6 battalumatti kan du’an yoo tahu, shan ammoo mana yaalaa eega geeffamanii booda lubbuun dabruu ibsame. Dabalataanis namoonni 20 kanneen balaa kanaan miidhaman, hospitaala Kaarl kan magaalaa Mattuu keessatti aragamutti yaalamaa jiraachuu odeeyfannoon ni addeessa.
0598323896
jajabadhaa mijuu tessaan unachutii jirraa
kanumaan ittii fufaa
Ademisii kesaniif baranonii isiin kenitaan bayyee nama barsisaa wan tahef halumaa kan itti fufaa isiniin jenaa
gaafi qaba gaafin kiyya yatimni zakka baasu danda,aa qote facasate kuntal digdam argate