header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Balaa Konkolaataa Godina Shawaa Bahaa aanaa Dugdaatti muudateen lubbuun nama 25 dabre

Itti gaafatamaan sab-qunnamtii Poolisii Godinicha Komaandar Asichaalaw Alamuu akka ibsetti, balaan sukkanneessaan kun har’a waaree booda Minibaasiin humnaa ol fe’attee Baatuu irraa gara Maqii imalaa turte takka, konkolaataa biroo ummata fe’atee gara Baatuu imalaa tureen walitti bu’uun lubbuun namoota 25 battalumatti kan dabre tahuu hime.
Namoonni balaa kanaan du’an hundinuu kanneen minibaasii keessa turan tahuu ibsame.
Odeeyfannoo wal fakkaatuun Godina Harargee Bahaa aanaa Qarsaa keessattis, Konkolaataan ummata fe’atee Qulluubbii irraa gara magaalaa Harar imalaa ture garagaluun, namoonni lama akka du’anii fi 7 ammoo kan madaayan tahuu poolisiin godinichaa beeksise.

Balaan konkolaataa Ityoophiyaa keessatti kan hammaataa dhufe yoo tahu, mootumman dhimmicha irratti xiyyeeffannoo kennuun hojjaachuu akka qabu lammiileen karaa gara garaatiin ibsaa jiran.

Balaa Konkolaataa Baat

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button