header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Balaan Kirikira Lafaa Indoneezhiyaa keessatti muudate lubbuu namoota hedduu galaafate

Balaan Kirkira lafaa kun Indonezhiyaa  Iddoola Lombok jedhamtutti kan muudate yoo tahu, lubbu namaa fi qabeenya irratti balaa hamaa kan dhaqqabsiise tahuu gabaasni Aljaziiraa ni mul’isa. Balaa kanaan hanga ammaatti namootni 14 yoo du’an, 160 ammoo miidhamaniiru. Balaa ganama har’aa muudate kanaan Manneen 1000 ol tahan kan barbaadaayan tahuu gabaasni kun ni ibsa.

Kirkirri lafaa maagnitiyuudii 6.5tti shallaggame kun Iddoola Baalii jedhamtu tan handhuura balaa kanaa irraa kilomeetra 100 fagaattee argamtu keessatti, hollannaa lafaa cimaa kan uume tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button