header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Baqattonni Oromoo Jibuutii keessa jiran ibsi Imbaasiin Ityoophiyaa base dhara jedhu.

Baqattota Oromoo Jibuutii keessa jiraatan sababaa walitti bu’iinsa daangaa mootummaa Naannoo Somaaleefi Oromiyaa irratti ka’een, gochi gara jabeenyaa isaan irratti raawwatamaa jiraatuu isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

Kanuma hordofuun imbaasiin Ityoophiyaa kan Jibuutii keessatti argamu; “dhiibbaan baqattoota Oromoo irratti godhame tokkolleen hin jiru. Gochi suukanneessaan raawwatames hin jiru. Viidiyoofi suuraawwan bahaa jiran kan dharaati”jechuun miidiyaaleef ibse.

Nutis dubbii tana haalaan qulqulleeffachuuf ammas deebisnee baqattoota rakkoon nurra gahe jedhan wayta dubbisnu, ” Dubbiin Imbaasii Ityoophiyaa guutumatti dhara. Ibiddi Abdii Illeen biyya keessa qabsiise kunoo asittis qabachutti jira. Dhalattoonni Somaalee Jibuutii keessa jiran, ‘isintu Jigjigaa, Dirredhawaafi iddoo adda addaatti saba keenya ajjeesee qe’ee irraa nu buqqise’ jechuun, gocha gara jabeenyaa nurratti raawwataa jiru”jechuun nuuf himan.

Baqataan bilbilaan dubbisne tokko akka nuuf himetti, “Kaleessarraa kaasee baqattoonni heddu magaalota akka Barwaaqoo, Artaa, Kirtikaariifii Arseek irraa baqatuun, yeroo amma naannoo Arhiibaa jedhamu dirree irratti argamana. akka oduun tun hin bane piilisoonni Jibuutii moobaayila nama heddurraa guuranii jiru.”jedhe.

https://youtu.be/H2sPWTti7KU

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button