header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Baqattoonni Oromoo Yaman Kaampii Alqaras keessa jiran rakkoo hamaaf saaxilamuu ibsan

Bara 2015 irraa eeggalee lola Yaman keessatti deemaa jiru biyyattiin gaaga’ama hamaa keessa jirti. Waraana kanaan lammiileen biyyattii kumaatamaan lakkaahaman ajjeefamuun, kanneen miliyoonaan lakkaahaman immoo beela, dhukkubaa fi rakkoolee adda addaatiif saaxilamuun beekamaadha.

 

Waraana hamaa kana hordofuun Imbaasiiwwan fi Dhaabileen deeggarsaa  Addunyaa Yaman keessa turan biyyattii gad lakkisanii bahanii jiru. Akkasumas biyyoonni heddu lammiilee isaanii Yaman keessaa baafatani jiru.

 

Hata’u malee lammiileen biyya keenyaa Yaman keessa jiran beela, dhukkubaa fi du’aaf saaxilamuu nuuf himan.  Baqataan Oromoo Kaampii Alqaras irra bilbilaan dubbisne akka nuuf himetti:

“Guyyaa biyyattii keessatti lolli ka’e irraa jalqabee Oromoon biyya Yaman keessatti baqannee argamnu, tajaajilli heddu waan nurraa citeef dhibee, beelaa fi rakkoo adda addaatiif saaxilamnee jirra”jedhe.

 

Yeroo ammaa kana dhaabbileen deeggarsaa sababaa lolli hammaataa dhufeef Yaman lakkisaanii bahuu isaaniitiin rakkoon kun akka hammaatu kan godhe tahuu baqataan kun nuuf hime. Haala hamaa keessa jiraniin lammiileen biyya keenyaa Yaman keessatti  baqatanii  turan heddu lubbuun kan darbe tahuu fi yeroo ammaa qaama isaan gargaaru osoo argatanii biyyattii keessaa bahuu kan barbaadan akka tahe  baqataan kun nuuf hime.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button