header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Barattoonni Kolleejjii Awwaliyaa kafaltii humnaa olii gaafatamne jedhan.

Koleejjiin Awwaliyaa waggoota 13f  barnoota Afaan Arabaatiin dubartoota simatee barsiisummaan kan leenjisaa ture yoo tahu, dhiheenyia kana bulchiinsi Majliisni ahbaash kolleejjicha irratti ramade tasa maallaqa humnaa ol tahe akka kafalan isaan irratti kan murteesse tahuu beeksisan.
Barattoonni kolleejjichaa akka jedhanitti, yeroo qormaataaf barattoonni qophaayaa jiranitti bulchiinsi Kolleejichaa nama Argaawu jedhamuun hoogganamu tasa birrii 400 galmeef, kaffaltii barnootaatiif ammoo ji’a Fulbaanaa irraa jalqabee hanga ammaatti kan jiru ji’aan birri 300 yookaan ammoo kan baatii shanii birrii 1500 yoo hatattamatti kan hin kafalle tahe qormaata hin fudhattan, jechuun kan isaan irratti murteesse tahuu beeksisan. Kanaafuu hawaasni muslimaa murtii jallaa kana isaan waliin tahuun akka mormu barattoonni kun waamicha isaanii dabarsanii jiru.

Back to top button